(Bitootessa 21/2004, Finfinnee) Muxannoo qonnaan bultoota adda duree daran cimsinee babal’isuun qabsoo hiyyummaarratti jalqabne milkeessuf nu dandeessisa jedhan,pirezidaantin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Alamaayyoo Atomsaa .
Ob. Alamaayyon sirna badhaasa gootata misoomaa marsaa 6ffaa magaalaa Adaamaatti har’a deemsifamerratti yoo dubbatan, garaagarummaan qonnaan bultoota adda duree fi kaan gidduu jiru bal’aa waan ta’eef muuxannoo qonnaan bultoota adda duree caalatti babal’isuu dhaan duula hiyyummaarratti jalqabne injifannooodhaan milkeessuu ni dandeenya jedhan jiru,
Guddinni diinagdee keenyaa waggoota muraasaan asitti galmeessaa dhufne hamma misoomuu qabnu waliin kan nu hafu waan ta’eef karoora Guddinaa fi Tiraansifoormeeshinii galmaan ga’uu keessatti gama hundaan tumsa bal’aatu nu eeggata jedheniiru Ob. Alamaayyon.
Ob. Alamaayyon dabaluun akka jedhanitti karoora guddinaa fi Tiraansifoormeeshinii milkeessuu keessatti dhimmootaa lamaan ijoo ta’an tarsiimoo muuxannoo gaarii babal’isuu fi misooma eegumsa qabeenyaa irratti gootota misoomaa fi caasaalee mootummaatirraa hojii guddaatu eegama jedhaniiru. Keessumaawuu hojiin misooma qabeenya uumamaa duula tokkoon kan keessaa baanu osoo hin taane itti fufiinsaan hojjetamuu kan qabu akka ta’es ibsan.n
Badhaasa marsaa 6ffaa kanaa qonnaan bultoonni 463 fi horsiisaan bultoonni 64 adda duree misoomaa ta’an akkasumas ogeeyyonni fi dhaabbileen misooma saffisiisuu keessatti adda duree ta’an, waliigalatti badhaafamtoonni kuma 1 ta’an badhaafamuun isaanis waltajjicharratti ibsamee jira.
Badhaafamtoonni kun badhaafamuu kan danda’an tarsiimoo mootummaan diriirsee fudhachuudhaan jireenya isaanii fooyyessuu bira darbanii lammiiledhaaf carraa hojii uumudhaan fakkeenyummaa qabaniin akka ta’e sirnicharratti kan dubbatan sadarkaa Pirezidaantii itti aanaatti hogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa Ob. Zalaalam Jamaanh ibsaniiru,
OB. Zalaalam itti fufuudhaan, badhaasa kana adda kan godhu keessaa wayta hojiin misooma qabeenya umaamaa deemsifamaa jirutti waan ta’eef hojii misoomaa yeroo gannaatti nu eeggatuutis kan caalatti nu dadammaqsuudha jedhaniiru. Qonnaan bultoota fi horsiisaan bultoota adda duree har’a badhaafaman keessaa gara invastarummaatti kan ce’an akka jiranis ibsameera.
Badhaasni gootota misoomaa Oromiyaa kan jalqabame bara 1998 qonnaan bultoota adda duree 198 badhaafamaniin akka ta’e niyaadatama.
LANGUAGES


