
[Finfinne, Oromiyaa- 12 11 04] Manneen waliin mootummaan naannoo Oromiyaa hojjattota mootummaa naannichaa seektaroota garaagaraatiif ijaarsisse carraan qoodame kun lafa hektaara 20 Bulchiinsi magaalaa Finfinnee Naannoo Labuutti ijaarame.
Manneen Waliinii kana kan eebbisan Pirezidaantii Ittaanaa Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa fi Hogganaan Biiroo Siviil sarviisii fi Bulchiinsa Gaarii Obbo Abdulaaziiz Mohaammad Mootummaan Naannoo Oromiyaa magaalota keessatti rakkoolee bu’uurawwan misoomaa, gochaa kiraa sassaabdummaa fi malaammaltummaa hiikuuf hojiiwwan hanga ammaatti hojjachaa tureen bu’aawwan nama jajjabeessan argamanii jiru jedhan.
Magaalota keessatti hanqina manneen jireenyaa hawaasaa hiikuuf hojiiwwan hojjatamaa turanis jiraattoni magaalaa aadaa qusannoo isaanii cimsatanii human qabaniin mana akka ijaarratanii fi ijaarsa manneen jireenyaa keessatti abbootiin qabeenyaa akka hirmaatan taasisuun hojiiwwan hojjatamaa turan guddaa akka ta’ani Obbo Abdulaaziiz dubbataniiru.
Manneen jireenyaa hojjattoota mootummaa naannichaatiif magaalaa finfinneetti ijaaraman addatti karoorfatamee kan raawwatame yoo ta’u kaayyoon isaa hojjattootni tasgabbaaa’anii hojii isaanii itti fufiinsaan akka hojjatan yaadameeti jedhan.
Mootummaan Nannoo Oromiyaa bara dhufu irraa jalqabee hawaasaa fi hojjattoota mootummaa ijaarsa manaatiif %40 akka qusatan kan hafe %60 mootummaan liqii Baankii irraa haala mijeessuun mana akka ijaarratan gochuuf qophiin barbaachisaan akka xumurame himaniiru.
Hogganaa Olaanaan Ejansii Ijaarsa Manneenii Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii, manneen jireenyaa hojjattoota mootummaa naannicaaf Magaalaa Finfinneetti ijaarame kanaaf mootummaan qooda isaa gummaachuun tumsawwan baasii hir’isan adda addaa taasisuu isaa beeksisaniiru.
Manneen waliinii 2,169 saayitii Labuutti ijaaraman keessaa 2004 manneen jireenyaa fi 165 immoo kan daldala adda adddaatiif oolu akka ta’e himaniiru.
Hojjattootni mana carraadhaan argatan yaada kennaniin mootummaan naannoo Oromiyaa abbaa mana jireenyaa isaan taasisuu isaatiin akka gammadan dubbataniiru.
Naannoo Oromiyaatti bara 1999 eegalee Finfinnee dabalatee magaalota 17 keessatti manneen jireenyaa waliinii 22, 850 liiqii Baankii Biyyoolessaa birrii biiliyoona 2.123 gochuu ijaaramaa turan keessaa manneen 19,219 /%85/ ol xumuramanii fayyadamtootaaf akka darban himameera.
(Madda :- Daarektoreetii Dhimmoota Kominikeeshinii fi Pirotokoolii Waajjira Pirezidaantii BMNO)
LANGUAGES


