
Pirezidaantii Itti Aanaan Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa fi hogganaan Biiroo Siviilsarviisii fi Bulchiinsa Gaarii Oromiyaa Kabajamoo Obbo Abdulaaziiz Mahaammad Gabaasa raawwii Hojiiwwan gurgoddoo Qaama Raawwachiistuu Mootummaa kan bara 2004 fi kallattii karoora mootummaa naannichaa kan bara 2005 Yaa’ii idilee 6ffaa bara hojii Caffee 4ffaa waggaa 2ffaa Caffee Oromiyaatiif dhiyeessan.
Kabajamoo Afyaa’ii !!
Kabajamtoota Miseensota Caffee !!
Mootummaan Naannoo Oromiyaa guddina dinagdee waggota darban keessa waliittifufinsaan akka biyyaatti galma’aa dhufe haala foyya’aa ta’een ittifufsiisuun misooma ariifaataa fi ittifufinsa qabu, kan ummatni sadarkaa sadarkaan irraa fayyadamufi bulchiinsa gaarii mirkaneessuuf imaammataafi tarsiimoo biyyi keenya hordofaa jirtu ka’umsa godhachuun karoora guddinaafi tiraansiformeeshinii waggaa shanii baafanne hojiira olchuu erga jalqabnee waggaa lammaaffaan xumuramee jira.
Haaluma kanaan kallatiiwwan bu’uuraa karoorichaa irratti hundaa’uun galmoottan gurguddoo misooma bar-kumee fi haaromsa biyya keenyaa milkeessuuf bu’uura ta’an hojiiwwan gama misooma dinagdee, hawaasummaa, bulchiinsa gaarii fi ijaarsa sirna diimokiraasiitiin jalqabaman bal’inaan raawwachuuf yeroo kamiyyuu caalaa baajata guddaa fi sosochii ummataan kan deeggarame karoorri guddinaa fi tiraansiformeeshinii waggaa 2ffaa bara 2004 jalqaba bara baajataa xumurame irratti kabajamaa Caffee kanaaf dhiyaatee eerga raggaasifamee booda hojiira akka oolu murtaa’uun isaa ni yaadatama.
Akkuma beekamu jalqaba bara karoora guddinaa fi tiraansifoormeeshinii irraa eegalee akka hojii ijootti xiyyeeffannoo guddaan itti kennamee hojjetamaa kan ture humna karoora keenya raawwachiisufi raawwatu bal’ínaan qopheessuu fi ittifufiinsaan gahumsa isaa cimsuuf xiyyeeffannoo guddaan itti kennamee hojjetamaa tureera. Keessattuu galmawwan karoora keenyaa hunda milkeessuuf rakkoolee gama ilaalchaan, dandeettii fi dhiyeessiin walqabatanii sadarkaa adda addaa mul’achaa turan hiikaa deemuun murteessaa waan ta’eef gaggeessaa irraa eegalee hanga raawwataa fi fayyadamaa sadarkaa sadarkaan jiranitti leenjiin hubannoo cimsu bal’inaan kennamaa tureera.
Hojiiwwan haala kanaan bara baajataa 2004f karoorfaman galmaan gahuuf, keessattuu sektaroota kallattiidhaan hiyyummaa hir’isuu keessatti shoora ol’aanaa qabaniif xiyyeeffannoon addaa kennameefi sirna hordoffii fi deeggarsaa diriireen raawwii jiru waltajjii ji’a ji’aan madaalaa, hordoffiif gamaaggama dirree gaggeessuun rakkoolee hudhaa ta’an adda baasaa kallattii ka’aamaa dhufeen jijjiiramni muláte fi bu’aan hojimaata kanarraa argame jajjabeessaafi cimee kan itti fufu ta’ee, gama kanaan kallattii sirrii qabannee hojii keessa galuu keenyaan hirmaannaa fi sosochiin uummata keenya baláa irratti dabalamee hojiiwwan fakkeenyumma gaarii qaban raawwachuun akka danda’ame hubachuun barbaachisaa ta’a.
Guddina dinagdee biyya keenyaa waliittifufinsaan galmaa’aa dhufe keessatti gaheen seektarri qonnaa gumaache baay’ee ol’aanaa ta’uu isaa irraa kan ka’e, karoora guddinaafi tiraansifoormeeshinii keessatti oomisha qonnaa dachaa oliin dabaluuf tarsiimoo muuxannoo gaarii babalísuu hojiirra olchuudhaan bu’aawwan qonnaan bulaa adda dureewwan biratti galmaa’an gara qonnaan bulaafi horsiisee bulaa hundatti babal’isuudhaan wabiin nyaataa sadarkaa maatii fi naannootti mirkaneessuuf sektara xiyyeeffannoon kennameefii yeroo saglaffaaf guddina galmeessisuuf socho’aa jirru dha.
Hojii sektara qonnaa keessatti sirna eksiteenshinii lafa qabsiisuuf gandoota qonnaan bulaa hunda keessatti yuuniitiin eksiteenshiinii hundeessuudhaan garee misoomaa 144,896 keessatti qonnaan bultootni Mil.3.93(%96)ijaaramanii hojii misoomaa qonnaa adda addaa keessatti hirmaachaa kan jiran yoo ta’u, isaan keessaas %11.6 dubartoota akka ta’an beekameera. Gamaaggama raawwii hojii ganna darbee fi kallattii hojii yeroo bonaa irratti gaggeessitoota ol'aanaa fi giddu galeessaa keessaa 1,254f(%98) leenjiin guyyaa kudha shanii yoo kennamu ittifufees hojii yeroo bonaa irratti bal’inaan gaggeeffameera.
Hojii misooma sululaa fi qabeenya uumamaa walqabatees gaggeesitootaa fi ogeessotaa sadarkaa adda addaatti jiran leenjiisuuf karoora qabame keessaa namootni 34,720(%92) kan leenji’an yoo ta’u, sadarkaa gandaattis qonnaan bulaa adda duree mil.1.14(%96)fi qonnaan bulaa mara mil.3.97f, akkasumas gamaaggama hojii yeroo bonaa sadarkaa naannootti gaggeeffame irratti hanqinaaleen addaan bahani qophii hojii gannaa keessatti dadhabsiisaa deemuuf qaamolee sadarkaa sadarkaan jiraniif leenjiin kennameera.
Haaluma kanaan sektara kana keessatti sochii ijaarsa raayyaa misoomaa cimsuuf hojii hojjetamaa jiruun, dhiyeessii fi ittifayyadama teeknoolojii ammayyaa fi muuxannoo gaarii babal’isuu, itti fayyadama bishaanii fooyyessuun misooma jallisii babal’isuu, hojiiwwan dhiyeessa fi raabsi callaa guddistuu baay’inaafi qulqullinaan irratti hojjechuu, deebii liqii bule saffisiisuu, hojiiwwan misooma, eegumsafi ittifayyadama qabeenya uumamaa cimsuu, misooma bunaa fi omishaalee gabaa irratti gatii guddaa qaban babbal’isuu fi qulqullina isaanii mirkaneesuu, misoomni beeyladaa fi sochiiwwan waldaalee hojii gamtaa cimsuun guddina ariifachiisaa mirkaneessuuf karoora sektarichaa bara 2004keessatti hojiiwwan gurguddoo hojjetamaa turan dha.
Galmawwan karoora guddinaafi tiraansifoormeeshinii milkeessuuf bara kana keessa yeroo kamiyyuu caalaa xiyyeeffannaa kennuun karoora sektara qonnaa irra deebi’uun fooyya’een ittifayyadama xaa’oo hektaaratti kilograama 35 hin caalle gara Kg.100tti guddisuuf hojjetamaa jira.
Haaluma kanaan bara oomisha 2004/05f sochii misooma midhaanii irratti yeroo ammaa taasifamaa jiruun xaa’oo waggaaf qabame kunt.Mil.5.09dhiyeessuuf karoorfamee, kan bule dabalatee hanga ammaatti xaa’oo kunt. mil.4.98(%97.8)dhiyaate keessaa kunt.Mil.3.6 waldaalee bu’uuraa qaqqabee,kunt.mil.1.89(%52.5) kan raabsame yommu ta’u, sanyii filatamaa kunt. kuma 805.5 dhiyeessuuf karoorfame keessaas hanga ammaatti sanyiin kunt. kuma 381.6(%47.4) qophaa’ee, kunt. kuma 271.7(%71.2 kan qophaa’eraa)raabsameera.
Mootummaan keenya bara baraan baajata isaa qabsiisuun callaa gudiistuun yeroo fi gahumsaan akka dhiyaatu haala mijeessaa, qonnaan bulaa fi horsiisee bulaan akka itti fayyadamuu danda’u hojii hojjetameen bu’aa gaariin yoo argames, bara 1987/88 hanga 2004/05tti maallaqni callaa guddistuu qar. Bil.1.17 ta’u (kan mana kuusaa bule dabalatee) oso hin deebi’iin akka jiru beekameera. Maallaqni liqii kun qonnaan bulaa biratti kan hafe qofa oso hin taane, caalmaan isaa waldaalee bu’uuraa, yuuniyeenota fi namoota dhuunfaa birattis kan hafe ta’uun waan beekamuuf, maallaqa guddaa haala kanaan qabamee jiru deebisiisuun hojii tumsa hunda keenyaa gaafatu waan ta’eef xiyyeeffannaa cimaadhaan irratti hojjechuun murteessaa ta’a.
Walumaagalatti sochiin raabsa xaa’oo, sanyii filatamaa fi deebii liqii callaa guddistuu yeroo hafe keessatti hojii guddaa waan nu gaafatuuf caasaaleen sadarkaa hundatti jiranfi kabajamtootni miseensoota caffee kanaas hojii kana saffisiisuun omishaafi omishtummaa eegamu mirkaneessuuf tumsi barbaachisu akka godhamu waamicha koo dabarsuun barbaada.
Kabajamoo Af-yaa’ii !!
Kabajamtoota Miseensota Caffee !!
Bara omishaa 2003/04 keessatti lafa yeroo gannaa omisha miidhaan gurguddootiin golgame hekt.Mil.5.49 irraa omishni argame kunt.Mil.108.1(%87.5)akka ta’e ragaa ’CSA’n baase ni mirkaneessa. Qophii oomisha bara 2004 ilaalchisee roobni arfaasaa duubatti harkifatee jalqabuu fi addaan ciccitaa ta’ullee, sochii gaarii taasiifameen lafti hek.kuma 829.16(%98.7)faca’uu danda’eera. Omisha qonna gannaa saffisiisuufis lafa hek.Mil.5.7misoomsuuf karoorfamee, hanga gabaasni kun qindaa’utti lafti hekt. Mil.4.5(%78.8) qotamee miidhaan gosa adda addaa faca’aa jira.
Omisha qonnaa keenya hirkattummaa rooba gannaa jalaa baasaa deemuuf qabeenya jallisii jiru fayyadamuun omisha waggaatti yeroo lamaa ol omishuuf haala danda’ámu irratti hojiin bona darbe hojjetame kan nama jajjabeessu ta’ee mul’ateera.
Karoora akka sektara qonnaatti fooyya’een lafti jalliisiif oolu hek. kuma 906.88 marsaa lamaan misoomsuuf karoorfamee,lafa hekt. kuma 591(%65) faca’e irraa kunt. mil.45.8(%57) omishameera. Gama misooma boneetiinis karoora qabame keessaa lafti hek.kuma151.7(%90) faca’ee, omishni kunt.mil.4 ol sassaabameera.
Haalli waliigala misooma jallisii fi bonee raawwii baroota darbanii waliin yommu ilaalamu foyya’insi gaariin yoo jiraates, omishni argame hanga eegamu irraa gadi bu’aa ta’ee kan mul’ateef ittifayyadamni callaa guddistuu, keessumattuu xaa’oon jallisiif oole baay’ee gadi aanaa ta’uu fi hojii misooma jallisii akka hojii dabalataatti ilaaluun ammallee kan jiru ta’ee mul’ata. Kanaafuu, sababa jijjiirama qilleensaatiin rakkoo mul’achaa jiru dandamachuu fi eeggatummaa roobaa jalaa bahuuf carraa filannoo biraa hinqabne ta’uun hubatamee, qabeenya bishaanii lafa jalaafi lafa irraatti fayyadamuun hojii kutannoofi xiyyeeffannaa hunda keenyaa barbaadu ta’a.
Kabajamoo Af-yaa’ii !!
Kabajamtoota Miseensota Caffee !!
Akkuma hundi keenya yaadannu hojiin misooma sululaa fi eegumsa qabeeya uumamaatiin walqabatee bona baranaa keessa hojjetamaa ture irratti ummatni mil. 7.8 ta’u hirmaannaa taasiiseen hojii yeroo kamiyyuu caalaa sochii ho’aa fi xiyyeeffannaan itti kennamee hojjetamaa ture dha. Hojii kana keessatti sulula bal’inni isaa hekt.mil.2.2 ta’u irratti hojiiwwan eegumsa biyyee fi bishaanii hojjetaman keessaa daagaan adda addaa km mil.1.2(%78), Lafa tutxuqqaa irraa dhorkuun hek. kuma 968.9(%105) fi hallayyaa hidhuu M3 mil. 4.78 (%87)hojjetamee jira.
Hojii fiizikaalaa yeroo bonaa hojjetame kana biqiltuuwwan adda addaatiin uwwisuufis sanyii mukaa gosa adda addaa qopheessuuf karoora bara kanaaf qabame keessaa sanyiin kg. kuma 390.3(%65) kan qophaa’ee yommuu ta’u, biqiltuu mukaa qopheessuuf karoorfame keessaas hanga yoonaatti biqiltuun biliyoona 2.2(%57.8) qophaa’ee, hanga gabaasni kun qindaa’utti biqiltuun mil.118.78 dhaabbatee jira. Akka waliigalaatti qabeenya uumamaa deebisnee kunuunsaa jirru keessatti, sochii fi hirmaannaan uummataa baay’ee cimaa kan turee fi ilaalchi hojii kana hojjetnee keessaa bahuu hin dandeenyu jedhamaa turees cabee kan caalaa hojjechuun akka danda’amu kallattii kan nutti argisiise ta’uun hubatameera.
Hojii misooma bunaa ilaalchisee bara kana keessa sanyii bunaa bara 2005/06f oolu kg.kuma 328.7(%81)qopheessuu fi biqiltuu bunaa mil.333.56(%87)dhaabbii bara kanaaf qophaa’e keessaa hanga ammaatti biqiiltuun bunaa mil.52.75(%15.8) yoo dhabbatu, hojiin kun yeroo hafe keessatti ittifufinsaan kan raawwatamu ta’a.
Bara 2004 keessa bunaa toonii kuma 290.5 oomishuuf karoorfamee, toonii kuma 262.2(%90)sassaabuun kan danda’ameefi buna oomishame keessaas toonii kuma 203 gabaa gidduugaleessaaf dhiyeessuuf karoorfamee, bunni toonii 136,296(%67) gabaaf dhiyaatee jira. Raawwiin gama kanaan jiru sadarkaa eegamuun gadi ta’uun isaa gatiin bunaa gabaa addunyaarratti waan gadi bu’eef oomishtootni fi daladaltootni gatiin deebi’ee ol ka’a yaada jedhuun qabatanii taa’uun isaaniin sharafa alaa biyyi keenya gama kanaan argattu irratti dhibbaa waan qabuuf dhimma xiyyeeffannoo barbaadu taée argama.
Kabajamoo Af-yaa’ii !!
Kabajamtoota Miseensota Caffee !!
Misoomni qabeenyaa beeyladaa sektara qonnaa keessatti gahee guddaa kan qabuu fi bu’uurri jireenya horsiisee bulaa fi qonnaan bulaa keenya kan irratti hirkatee fi bu’aan guddaaniis kan irraa kan eegamu dha. Hojiin eksiteenshinii misooma beeyladaafi kennins tajaajilawwan gara garaa itti fufee kan jiru yoo ta’ees, akka waliigalaatti fedhii fi gaaffii callaa guddistuu beeyladaa ummata keenya biratti yeroo yeroon dabalaa dhufe keessummeessuuf humna dandeettii oomisha giddugaleessota harkaa qabnuun haala barbaadamuun guutuun danda’amaa hinjiru. Kanaafuu, bu’uuraalee dhiyeessii kana saffisiisuuf pirojeektoota ijaarsa irra jiran yeroo gabaabaa keessatti xumursiisuu fi abbootii qabeenyaa hojii kana irratti bobba’an jajjabeessuun hojii xiyyeeffannaan itti kennamee hojjetamuu qabu ta’a.
Gama tajaajila eegumsa fayyaa beeyladaatiin bara kana keessattuu naannoo horsiisee bulaatti hanqina dhiyeessii tajaajilichaa irraa kan ka’e miidhaa beeyladoota irra gahaa turuun isaa hubatamee jira. Rakkoo kana maqsuuf tattaaffii taasifameen talaalliin (gosa A fi B) beeyladoota mil.3.13(%48)f yoo kennamu, beeyladootni mil.4.71(%119) waldhaansa adda addaa akka argatan ta’eera.
Gama babal’ina waldaalee hojii gamtaatiin karoora akka biyyaatti waldaalee deebisanii ijaaruuf qabamee jiru milkeessuuf hojiin sosochii waldaa hojii gamtaa jalqabamee kan jiru yommuu ta’u, bara kana waldaaleen bu’uuraa haaraa 1,870(%86) fi yuuniyeenota 11(%58) kan gurmaa’an yoo ta’u, kaapitaala waldaaleen bu’uuraa qaban guddisuuf karoora qabame %92n guddisuun yoo dandaámes, miseensota waldaalee haaraa horachuu irratti raawwiin galmaa’e baayée gadi bu’aa akka ta’e hubachuun waan danda’ameef hojii xiyyeeffannaa barbaadu ta’ee mul’ata.
Sababa hanqina roobaatiin rakkoo hongee yeroodhaa gara yerootti mula’chaa jiru dandamachuuf jecha gama qophiifi ittisa balaatiin hojii bal’aan hojjetamaa kan jiru yommuu ta’u, sirna duraan akeekkachiisaa hordofamaa jiruun sochiin lubbuu namaa fi beeyladaa baraaruuf taasifamu gahee ol’aanaa waan qabuuf dhimma xiyyeeffannoo addaatiin waggaa kana keessa hojjetamaa ture dha. Haaluma kanaan, ragaa duraan akeekkachiisaa iddoo adda addaatti funaaname qindeessaa fi xiinxalaa deemuun, bakka tarkaanfiin barbaachisuttis qaamolee dhimmi ilaalu waliin fudhatamaa tureera.
Xiinxala ragaa duraan akeekkachiisaa taasifameenis, godinaalee fi aanaalee hedduun ganna darbe rooba gahaa kan argatan yommuu ta’u, aanaalee horsiisee bulaatti roobni hagayyaa turuun dhuma ji’a Fulbaanaa irratti kan roobe yoo ta’ees, godinaalee akka Booranaa fi Gujii iddoowwan tokko tokkotti roobni turee roobe humnaan oli ta’uun iddoo baayyeetti eelaawwan fi haroowwan turan mancaasuun miidhaa geessisuun mul’achaa tureera. Rakkoo iddoowwan kanatti mul’achaa jiru mootummaan xiyyeeffannaa cimaa itti kennuudhaan bishaanfi marga dhiyeessuun lubbuu beeyladoota hedduu baraaruun, haala gabaa mijeessee horsiisee bulaan beeyladni isaa caalmaatti oso hin miidhamiin maallaqatti akka jijjiiratu yaalii guddaan taasifameera.
Kanaafuu, sababa hanqina roobaatiin rakkoon saaxilummaa keenyaa guutummaa guutuutti dhaabbachuu kan hindandenye ta’uun hubatamee sirna duraan akeekkachiisaa keenya bifa ammayya’aa fi furmaata yeroo dheeraaf ta’uun irratti hojjechuudhaan rakkoo kana keessaa bahuun dhimma filannoo hinqabne ta’ee waan mul’atuuf gahee hunda keenya irraa eegamu gahumsaan bahuuf xiyyeeffannaa cimaan irratti hojjechuu nu gaafata.
Kabajamoo Af-yaa’ii !!
Kabajamtoota Miseensota Caffee !!
Qonnaan bulaa keenya lafa isaarratti abbaa qabiyyummaa isaa mirkaneessuuf hojii hojjetamaa jiruun sochii lafa baadiyyaa safaruu ilaalchisee, qabiyyee dhunfaa fi walinii haala aadaatiin walumaatti lafa hek.Mil.2.5 bifa aadaatiin safaruuf karoorfamee, waggaa kana keessa lafa hek.Mil.1.8(%73.8) safaruun kan danda’ame yommuu ta’u, kunis akka waliigalaatti lafa bifa aadaatiin naannicha keessatti safaramuu qabu keessaa %95 irra gahamee akka jiru hubachuun danda’ameera.
Kenna waraqaa ragaa abbaa qabiyyummaatiin ilaalchisee bara kana waraqaa ragaa sad.1ffaa lafa baadiyaa kennuuf karoorfame keessaa abbaa/haadha warraa kuma 662.79(%63.4)f kennameera. Hojii lafa safaruufi waraqaa ragaa kennuu lafa bosonaan qabmeefi lafa waliinii dangeessuu , akkasumas iddoo tokko tokkotti waldiddaa daangaafi qulqullina ragaatiin walqabatee irra deebi’anii qulqulleessuun waan jiruuf haala barbaadameen deemuu irratti hanqinni mul’ateera. Hojiin kun bara 1996 irraa eegalee ittifufee hojjetamaa kan ture ta’us, ammaas lafa safaruunfi waraqaa ragaa kennuu irratti harcaatiiwwan mul’atan yeroo gabaabaa keessatti xumuruun fi rakkoowwan daangaa lafaan fi abbaa qabiyyummaa lafaan walqabatanii ka’an hiikuun furmaata kennuun dhimma xiyyeeffannoo barbaadu ta’ee mul’ata.
Gama hojii eegumsa naannootiin yeroodhaa gara yerootti babal’ina faalama qilleensaa sababa gataawwan xurii goggoogaa fi dhangala’aa warshaaleen tokko tokko gadi lakkisaniin miidhaa faalama naannoo irratti babal’achaa jiru xiqqeessuuf jecha warshaalee gosa adda addaa 647 fi pirojektoota 2,691 irratti hordoffii fi to’annoon haaluma karoorfameen gaggeeffamee jira. Industiriiwwan naannoo keenya keessatti ijaaramaa jiran akkaataa dhiibbaa faalama naannoo hin geessisneen to’achaa, bifa saayinaasawaa ta’een furmaata kennaa deemuuf ijaarsi laaboraatoorii eegumsa naannoo jalqabamee jiru saffinaan xumuurame hojiira akka oluu gochuun dhimma xiyyeeffannoo barbaadu ta’a.
Kabajamoo Afyaa’ii !!
Kabajamtoota Miseensota Caffee !!
Hojiiwwan misooma bishaanii ilaalchisee ummatni keenya baadiyyaas ta’e magaalaa keessa jiraatu tajaajila bishaan dhugaatii qulqulluu akka argatu gochuun hojii xiyyeeffannaafi dursi kennamuufi qabu dha. Fedhii fi gaaffii bal’aa uummatni keenya bishaan dhugaatii qulqulluu argachuuf kaasaa jiru hiikuuf sochii bara 2004 keessa taasifameen mootummaan naannoo keenyaa yeroo kamiyyuu caalaa baajata guddaa ramaduun hojii piroojekktoota adda addaa gaggeessaa akka jiru ni beekama.
Haaluma kanaan hojiiwwan bara kana raawwataman keessaa qorannoo fi diizaayinii ’master plan’ tokkoo fi bishaan dhugaatii magaalotaa 32, akkasumas qorannoo pirojektoota bishaan dhugaatii dhugaatii baadiyyaa 180 baajata sagantaa misooma galmoota barkumee(MDG) sadarkaa godinaaleetti karoorfamanii kan raawwataman yoo ta’u, hojiin irra deebi’ii diizaayinii magaaloota sadii karoorri waggaaf qabame gutummaa guutuutti raawwachuun danda’ameera.
Hojiin ijaarsa pirojektoota bishaan dhugaatii baadiyyaa waggoottan darban irraa as ce’anii hojjetamaa jiraniin wal-qabatee ijaarsi piroojektoota gandoota hedduu keessatti sadarkaa Biirootti raawwataman 7 %42.3, hojiin ijaarsa pirojektoota bishaan dhugaatii baadiyyaa 43 sadarkaa Godinaaleetti gaggeeffamaa turan keessaa 33 xumuramanii tajaajila kennuu kan eegalan yoo ta’u, akka waliigalaati karoora waggaaf qabaman irraa %93.2 raawwachuun danda’ameera. Akkasumas, piroojektoota bishaan dhugaatii magaalaa kan waggoottan darban irraa as ce’an 30 sadarkaa Biirootti hojjetamaa jiran keessaa kan magaalaa 7 xumuramee hojii yoo eegalan, akka waliigalaatti karoora irraa %57.2 raawwatameera.
Akkasumas hojiin ijaarsa piroojektoota bishaan dhugaatii haaraa sagantaa ’MDG’n deeggaraman sadarkaa Biirootti kan hojjetaman 7 %86.2 kan raawwataman yoo ta’u, sadarkaa Godinaatti piroojektootni 123 gaggeeffamaa jiran akka waliigalaatti karoora waggaaf qabame irraa %62.3 raawwatamee jira.
Bara kana keessa sagantaa adda addaatiin hojiiwwan ijaarsa bishaan dhugaatii iskiimoota madda garaa garaa 930 sadarkaa godinaafi aanaaleetti raawwachuuf karoorfaman keessaa yeroo ammaa buufattootni bishaanii 594 xumuramanii ummata 353,389 ta’aniif tajaajila bishaan dhugaatii qulqulluu kennaa jiru. Walumaagalatti uwwisa bishaan dhugaatii qulqulluu akka naannoo keenyaatti xumura bara 2003tti %%54.1 irra ture bara 2004tti %69.09 irraan gahuuf yoo karoorfames, kan irra gahame %59.5 akka ta’e hubatameera.
Gama misooma inarjiitiin ummatni keenya itti fayyadamaa inarjii ammayyaa ta’ee jiruu fi jireenyi isaa akka fooyya’u fi akkasumas yeroodhaa gara yerootti manca’ina bosonaa fi jijjirama qilleensaa bifa xiqqeessuu danda’amuun hojiin ijaarsa baayoo gaaziin 784(%75.6 karoora waggaa irraa) kan raawwatame yoo ta’u, raabsi geemoowwani kumni 600(%75) gaggeeffamaniiru.
Gama biroon immoo misooma Albuudaa naannoo keenyaa kallattii seera qabeessaan akka gaggeeffamuu sirna hordoffii fi to’annoo cimaa ta’e diriirsuun irratti hojjechuun dhimma xiyyeeffannoo barbaadu ta’ee mul’ata.
Raawwiin hojiiwwan gudguddoo sektara kanaa bara 2004 yommuu ilaalamu qorannoo fi diizaayinii irratti sochii gaariin yoo mul’ates, ammallee sababoota hanqina humna kontiraaktaraa, adeemsa harkifataa bittaawwan biyya alaa irraa gaggeeffaman, jijjiirraa diizaayinii qunnaman, hanqina dandeettii raawwachiisummaa sektarichaa sadarkaa adda addaatti jiru fi kkf irra kan ka’e gaaffii bal’aa bishaan dhugaatiin walqabatee ummatni keenya kaasaa jiru waliin walbira qabamee yoo ilaalamu sadarkaa raawwiin keenya irra jiru ammas hojii guddaa waan nu gaafatuuf hojii xiyyeeffannaa addaatiin furmaata argachuu qabu ta'ee mul’ata.
Kabajamoo Af-yaa’ii
Kabajamtoota Miseensota Caffee
Hojiin misooma intarpiraayizoota maayikroofi xixiqqaa ce’uumsa gara industirii giddugaleessaafi gurguddaatti godhamuuf abbootii qabeenyaa bal’inaan maddisiisuuf ka’uumsa ta’uun misoomni industirii seektara kamirrayyuu caalaa ariitidhaan guddatee dinagdee naannichaa keessatti shoora ol’aanaa akka qabaatu gochuun kallattii KGT waggaa shanii keessatti galma xiyyeeffannoon kennameefi dha.
Karoora bara 2004 keessattis hojiin misooma IMX sektara xiyeeffanoo duraa argatee raawwattoota hojii kana gidduutti qindoomina cimaa uumuuf sochiin taasifamaa tureera.
Bara 2004 keessa ilaacha kiraa sassabdummaa fi hanqina hubannoo hojii misooma IMX irratti ture bu’uura irraa hiikuun milkaa’ina karoora misooma IMXf haalduree waan ta’eef hojiiwwan idilee misooma IMX keessa humna guutuun galuun dura yeroo bal’aan kennameefii raawwatamaa tureera. Haaluma kanaan, leenjii ilaalchaafi hubannoo gaggeesitootaa, raawwattootafi sochoostota IMX kuma 327.9 ol ta’aniif irra dedeebiidhan sadarkaa naannoo irraa hanga magaalaatti kan kanname ta’us, hojii dhabeeyyii fayyadamaa ta’uu qaban dabalatee sochoostota IMX hojii keessa jiran, raawwatootaa fi gaggeesitoota sadarkaa sadarkaan jiran biratti ilaalcha fi hubannoo tarsiimoo misooma industirii iddoo hundatti bifa guutuu ta’een raawwachisuun misooma IMX dagaagina seektara industiriif bu’uura cimaa ta’u uumuu irratti kan hafu waan ta’eef itti fufiinsaan kan raawwatamuu ta’a.
Raawwiin hojii idilee misooma IMX bara 2004 yoo ilaalmu, carraa hojii dhaabbii fi yeroo uumuu gama ilaaluun, hojii dhabeeyyii galmaa’anii ummataan calalaman 601,852 keessaa walumaa galatti hojii dhabeeyyii kuma 304.3 IMXn gurmaa’uun carraa hojii dhabii keessa akka galan yoo ta’u, dargagoota Yunivarisitii fi Kolleejjii adda addaa irraa eebbifaman 12,363 ta’an IMXn gurmeesuun hojii keessa akka galan taaifameera. Carraa hojii dhaabbii uumame kana keessaa hirmaannaan dubarttootaa %34 yoo ta’u, raawwiin carraa hojii dhaabbii uumuu karoora waggaa irra %46 irratti argama. Gama carra hojii yeroo uumuutiin hojii dhabeyyii kuma 250.2(%186 ) raawwachuun yoo danda’amu, walumatti hojii dhabeyyii kuma 554.4(%71.5 karoora waggaa irraa) carraa hojii dhaabbii fi yeroon hojii keessa galchuun danda’ameera.
Dhiyeessii iddoo omishaa fi gurgurtaa ilaalchisee baadiyaafi magaalaatti walumatti lafti m2 mil. 56.2 sochoostota IMXf yommu kennamu, sheediiwwan bara kana ijaaraman 800 fi kan bara darbe keessaa ijaramanii harka nama dhunfaa galani turan 296 IMXf dhiyaatanii jiru.
Gama walitti hidhaminsa gabaatiin walumaagalatti baadiyyaafi magalaatti sochoftoota kuma 282.8 ( %89.2) qar. bil.1.577(%83.3) irraa argatan yoo uumamu, leenjiin bulchiinsa daldalaa fi teeknikaa sochoostota kuma 444.5 kennameera. Gama dhiyeesii liqiitiin qar.mil.136.6 kan kenname yommuu ta’u, humna faayinaansii WALQO cimsuuf sochii taasifameen maallaqni qusannoo qar. Mil. 895.94(%143) ol sassaabuun danda’ameera.
Raawwii hojii misooma IMX bara kanaa akka waliigalaatti yoo ilaalamu kan barreen darbanii irraa fooyya’iinsa guddaa kan agarsiisu yoo ta’es, galma kaa’ame waliin walbira qabamee yoo ilaalame garuu carraa hojii bal’inaan uummu irrattis ta’ee dhiyeesii deeggarsoota adda addaa irratti bu’aan galmaa’e quubsaa miti. Kanaafis sababa kan ta’e ilaalcha sirrii fi hubannoo gahaa sadarkaa barbaadamutti fiduun waan hin dandaminiif.
Kanaafuu, ummatni bal’aan fi abbootiin qabeenyaa naannoo keenyaa hojiin misooma IMX carraa hojii bal’aa kaapitaala xiqaan uumuun hojii dhabuummaa fi hiyyumaa hir’isuuf tooftaa filannoo hinqabine ta’uu isaa malees daandii biyyootni guddatan dagaagina hawwas-dinagdee ittin galmeessan ta’uu isaa qalbeefachuun dargagootni baratanis ta’ee hin baratiin amantaa guutuun sochii kana keessatti bal’inaan hirmaachuun haaromsa biyya keenya keessatti shoora ol’aanaa akka taphatan akka tumsan carraa kanaan dhamaasa ko dabarsuun barbaada.
Gama barnoota leenjii teeknikaa fi ogummaa(BLTO)tiin hojiiwwan bara kana hojjetaman keessaa industirii keessatti wiirtuulee madaallii gahumsa ogummaa(MGO)f oolan madaaluun beekamtii kennuuf karoorfamee wiirtuulee 18f madaaluun beekamtiin yoo kennamu, ogeeyyii industirii 871(%112.4) beekamtii madaaltummaa akka argatan ta’eera. Bara kana keessa leenjistoota, ogeeyyii industirii fi leenjifamtoota bara 2003 fi 2004 leenjii isaanii xumuran walumatti namoota 103,125 ta’an madaaluuf karoorfamee kaadhimaamtootni 66,909 madaaluun danda’amee jira. Haaluma kanaan, madaalamtoota hanga yoonaa MGO fudhatan keessaa 18,735(28%) gahomuun isaanii mirkanaa’ee jira.
Misooma leenjistootaa fi hoggansa BLTO ilaalchisee bara baajata 2004 keessa ogeeyyii industirii MGOn gahoman fi leenjii walta’insaa kennuu danda’an 211(%140.7) leenjii kan argatan yoo ta’u, qaawwi ogummaa leenjistootaa 1,568 (%98.8) akka guutamu ta’eera. Kana malees mala gochaan leenjisuu irratti leenjistoota 1,994f leenjiin yoo kennamu, qorannoo fedhii gabaa hojii fi misooma leenjifamtootaa ilaalchisee leenjii gaggabaan leenjifamtoota 22,690f kennameera. Akksumas WLTO naannicha keessa jiran hunda keessatti hojii dhabeeyyii 24,780 yommuu leenjiifaman, barattoota kutaa 10ffaa xumuran 249,765 gulantaa ogummaa I fi IV simachuun leenjii kenuuf karoorfamee, leenjifamtootni 76,355 leenjii argataniiru.
Leenjii sadarkaa ogummaa V irrattis leenjifamtoota barnoota qophaa’inaa xumuran 1,772 galmaa’uun leenjifama jiru. Leenjifamtoota bara 2004tti sadarkaa ogummaa I hanga V simatamn keessaa %70 leenjii walta’iinsaatiin leenjisuuf karoorfamee, %94 leenjisuun yoo danda’amu, intarpiraayizoota dhaabbilee leenjii walta’insaa kennuu danda’an 2,128(%96.75)waliin leenjii kennuun danda’ameera.
Kuufamaa fi ce’umsa teknoloojii ilaalchisee, bara 2004tti qaaccessa dirii soonaa 90 haaluma karoorfameen yoo raawwatamu,teeknoloojiiwwan faayidaa-qabeessummaan isaanii mirkanaa’e keessaa160 kuufamanii kan filatamoo ta’an 98 ceesisuun danda’ameera. Dhaabbileen BLTO seektara misooma IMX waliin qindaa’uun waldaalee ’IMX’ buleeyyii 11,576(%81.9)f tajaajilli eksiteenshnii industirii guutuun kennameefi jiru.
Raawwiin hojiiwwan BLTO gama maddalii gahumsa oggummaa, misooma leenjistootaa, kuufamaa fi ce’umsa teeknolojii fi tajaajila eksiteenishinii industriin jiru akka waliigalatti sadarkaa nama jajjabeessuu irratti kan argamu yoo ta’ees, qorannoo fedhii gabaa hojii fi misooma leenjifamtootaa irratti tattaafii cimaan bara itti aanu keessatti kan nu gaafatuudha.
Kabajamoo Afyaa’ii !!
Kabajamtoota Miseensota Caffee !!
Hojii seektara Industirii fi Magaalaa bara 2004 keessa gaggeeffama ture keessaa inni guddaan ilaalcha kiraasasabdummaa magaalaa keessatti dagaage jiru hundeerraa buqqisuuf hojii hojjatamaa tureedha. Hojiiwwan gama kannaan gaggeeffamaa turan keessa isaan gurguddoon, rakkoowwan bulchiinsa gaariifi siyaas-dinagdee kiraa sassabdummaa magaalota keessatti dagaagee turee sirreessuu, caasaa magaalotaa hirmaannaa hawwasa bal’aa magaalaan qulquleessuun seeratti dhiyeesuu fi irra deebiidhaan humna haaraan gurmeessuudha.
Hojiiwwan idilee magaalota keessatti bara kana gaggeeffamaa turan keessaa ijaarsi bu’uuraalee misoomaa baajata bulchiinsa magaalaa fi hirmaannaa ummataan raawwatamanii jiru. Haaluma kanaan ijaarsi daandii koobilistoonii km 72, daandii cirrachaa km 722, daandii keessa keessaa haaraa km 1,187, giddugala gabaa 177, bo’oo lolaa km 234, iddoo oolmaa dargaggoo 26 bara kana keessa hojjetamaniiru.
Hojii gurmaa’ina magaalotaa ilaalchisee wiirtuulee guddina gandoota baadiyyaa 38 qaamni seerummaa magaalummaa kan kenname yeroo ta’u, magaaloota foyya’insa sadarkaa gaafatanii ulaagaa barbaachisu guutan 38f sadarkaan isaanii akka foyya’u ta’ee, magaalotaa qaama seerummaa magaalummaa haaraa argatanii fi kan sadarkaan isaanii foyya’ef caasaan sadarkaa isaanii waliin wal-gitu akka kennamuuf godhamee jira. Sirna qabiinsa ragaa lafa magaalaa irratti leenjiin ogeessota magaalaaf akka biyyatti kennamaa ture irratti hirmaannaan kan taasifame yoo ta’u, waajjirri pirojeektii qabinsa ragaa lafaas akka naannoo keenyaatti hundaaée hojii jalqabuu irratti argama.
Rakko manneen jireeyaa magaalota keenya keessa jiru furuuf ijaarsi manneen waliinii bara 1999 irraa eegalee magaalota muraasa keessatti hojjetamaa turan keessaa warri xumuraman hedduun isaanii fayyadamtootatti kan darban yoo ta’u, kan hafanis rakkoon isaanii adda bahee furmaata akka argatan hojjetamaa jira. Gama biraatiin qorannoo rakkoo mana jireenyaa hiiku geeggeessuun humna jiraataa magaalaa waliin kan wal-simu taaypolojii diizaaynii baasii fi iddoo quusatan 6 fi fooyyessuu 2 hojjetamee jira.
Hojii misooma fi maanajimantii lafa magaala ilaalchiise lafa magaalaa safaruun waraqaa raga abbaa qabiyyummaa mirkaneessuu qopheessuuf karoorfame keessa lafaa dhuunfaa lafa hek.1,000; tajaajila IMXf hek 6,150 tajaajila invastimeentiif hek.336 akkasumaas, tajaajila dhaabbilee adda addaatiif kan oolu hek 3,115; walumagala lafa hek 10,601 irratti kaartaan qopheessuun raawwatamee jira.
Labsii lafa magaalaa liiziin qabamu murteessuuf bahee irratti uummanni hubannaa gahaa akka argatuu sadarkaa adda addaatti mariin kan gaggeeffame yommuu ta’u labsii kana hojii irra oolchuuf kan gargaaru wixineen dambii qophaa’eera. Gama biraatiin namoota dhuunfaa, abbootii qabeenyaafi dhaabbilee hawaasummaa sababa sarara daandii baaburaatiin qabiyyee isaanii irraa ka’an 5,231f lafa hek. 210.64fi beenyaa kaffalamuu qabu qar.Mil. 37.96 ragaalee magaalota irraa argaman qindeessuufi qulqulleessuun murtii akka argatu ta’eera.
Hojii pilaanii magaalotaa ilaalchisee bara baajataa 2004 keessaa kaartaa bu’ura magaalota79, pilaanii caasawaa magaalota12; pilaanii guuddina magaalota 65fi qorannoo giddugaleessa guddinaa baadiyaa 70, akkssuams hordoffiin raawwii pilaanii magaalotaa 92 irratti haaluma karoorrfameen raawwatameera. Raawwiin qorannoo fi qophii pilaanii magaalaa karoora waggaa wajjiin yommu ilaalamu haala gariin deemaa kan jiru ta’us baay’ina magaalota naannoo keenyaa fi hojii giddugaleessa guddina baadiyaa jiru wajjiin yommuu ilaalamu fuula duratti hojii bal’aan kan nu eeggatu ta’a.
Hojiiwwan diizaayinii fi konstiraakshinii ilaalchisee, diizaayinii pirojeektotaa qopheesuu fi iddoo ijaarsaan walsimsiisuuf karoora qabame keessaa %69 yoo raawwatamu, diizaayiniiwwan ijaarsa piroojeektotaaf qophaa’anii dhiyaatan 3,347 akka mirkanaa’an taasifameera.
Kabajamoo Af-yaa’ii
Kabajamtoota Miseensota Caffee
Dhiyeessa tajaajila geejjibaa ilaalchiisee rakkoo ummataa biraa ka’aa turee hiikuuf xiyyyeeffannoo guddaa kennuun sararaa waliigala naannichaa gara 2,081tti kan ol guddatee yoo ta’u saararrii bobbbiin bilisaa gara 479 oli guddisuudhan saararri duraan bobbii gahaa hin arganne 85 bobbii gahaa ta’e fi ummanni filannoo geejjibaa, taarifa tasgabaa’aa fi foyya’aa akka argatuu godhameera.
Balaa tiraafikaa naannoo keenya keessatti babballachaa jiru xiqqeesssuf hojii hawaasa bal’aa hirmaachiisee hojjetamaa tureera. Bifumaa kanaan koree nageenyaa tiraafikaa godinaa hanga gandaatti 32,535 akkasumass manneen barnoota 5,423 keessatti gumii nageenya tirafikaa ijaaruun hawaasni mil. 8.9 ta’u akka qooda fudhatu gochuun hubannoo gahaa akka argatu godhameera. Akkasumas konkolaachistoota 70,202 hojirra jiraniif leenjii adda addaa kennuuudhan dandeettii isaanii akka cimisatan taasifameera.
Balaa tiraafikaa hir’isuu keessattii sirna qormaataa gahumsa qabu diriisuun barbaachisaa waan ta’eef sirna madaallii karaa ittigafatamummaafi iftoomina qabuun akka raawwatamu godhamaa jira. Sakatta’insa konkoolaataa bifa ammayyaatiin raawwachuuf dhaabbilee sakatta’insa gaggeessan 9f hayyamni kan keenname yommuu ta’u, konkolaatoota 10,906 irratti sakatta’insa taasifame keessaa10,539 gahumsa barbaachisu guutuun isaanii mirkanaa’eera. Gama kanaan hojii hedduun hojjetamaa kan jiru yoo ta’es, rakkoon kun ammas hammaataa waan ta’eef hojiin guddaan fuladuratti kan nu eeggatuu ta’a.
Gama hojii invastimantiin qorannoo carraa fi qabeenya invastimantii qindeesssuun poteenshaala jiru adda baasanii qabachuuf lafaa baadiyyaafi magaalaa hek. kuma 183.6 adda bahee kan jiru yommu ta’u, abbootii qabeenyaa biyyaa keessaa 374 kaappitaala qar.bil 4.15 galmeessisanii fi abbootii qabeenyaa biyya alaa 146 kaappitaala qar.bil.1.09 galmeesssisaniif walumaagala hayyamni invastimantii 512 kennameera.
Piroojeektootni kun hojii keessa yeroo galan carraa hojii dhaabbii 19,796fi kan yeroo 29,584 uumuu danda’u jedhame eegama. karaa biraatiin hayyamaa invastimantii kennamee irratti hordooffii fi deeggarsa kan godhamee yommuu ta’uu abbootii qabeenyaa 525 ta’an akkaataa waliigaltee jiruun hojii jalqabuu kan hin dandeenye irratti waliigalteen akka addaan citu ta’eera.
Hojii daldalaa fi misooma gabaa ilaalchisee bara baajataa 2004 kana keessa rifoormii daldalaa hojii irra oolchuun sochii daldalaa seera qabeessa taasisuuf daldaltootni heyyama baafatanii fi heyyama malee kan hojjechaa turan akkataa labsii haaraatiin irra deebi’anii akka galmaa’an taasifameera. Haaluma kanaan, dhaabbilee daldalaa galmeessa irra deebii hin raawwatne fi heyyama malee hojjetan galmeessuuf karoora qabame keessaa 112,203(%92.8) akkaataa labsii haaraatiin galmeessa raawwataniiru. Kenna heyyama haaraa fi galmeessaa ilaalchisee dhaabbileen daldalaa 77,866 kan galmaa’an yoo ta’u, heyyamni haaraan dhaabbilee 77,087f kennameeera.
Hojii tasgabbeessa gabaa irratti bara kana keessa uummatni naannoo oomishaalee bu’uuraa kan akka zayita nyaataa, daakuu qamadii fi sukkaaraa gatii madaalawaan argachuu akka danda’u gochuuf sukkaarri kunt. Mil.1.1 fi zayitni litirii mil.61.25ol ta’u, karaa daldaltoota jimilaafi yuuniyeenootaa godinaalee 18 fi magaalota 6f raabsameera. Akksuams, waarshaalee daakuu 36f qamadii kunt. Mil.1 ol dhiyeessuun fayyadamtootaf raabsameera.
Bara baajata 2004 kana keessa dhaabbilee daldalaa 341,405 ta'an irratti too’annoon dhiyeessaa, raabsa fi gatii meeshaalee bu’uuraa, safartuullee madaallii fi daldala seeraan alaa gaggeefamee daldaltoota 24,771 irratti tarkaanfii bulchiinsaa fudhatamee jira. Hojii misooma gabaa ilaalchisee godinaalee 18 keessatti buufataalee odeeffannoo gabaa 28 irraa ragaa sasaabuu fi qindeessuun haala ammayaatiin kuusaa-daataa keessa galanii akka qabaman taasisuun tajaajilaa odeeffanoo gabaa kennamaa jira.
Kabajamoo Af-yaa’ii !!
Kabajamtoota Miseensota Caffee !!
Hojii misooma seektara daandii ilaalchisee, bara 2004 keessa daandii haaraa km 6,685 fi sadarkaa olguddisuu km 2,653 walitti ijaarsa daandii km 9,338 aanaalee naannichaa 265 keessatti raawwachuuf karoorfamee sochii bal’aan taasifamaa tureera. Haaluma kanaan aanaalee hunda keessatti hojii jalqabuuf garee gorsitoota 132 fi kontiraktaroota 469 gurmeessuun hojiitti akka galan ta’ee jira. Haa ta`u malee adeemsa keessa harcaatiin kan ture ta’us deeggarsa ittifufinsaan taasifameen hanga xumura waggaa kanatti gorsitootni128(%98)fi kontiraaktarootni 457(%97.4) hojii itti fufanii jiru.
Dhiyeessa maashinarootaa fi meeshaalee adda addaa sagantichaaf barbaachisan ilaalchisee waliigaltee qaamoolee dhiyeessan waliin taasifame keessaa %77 hanga xumura bara baajataatti yoo raawwatamu, adeemsi dhiyeessi kun bifa guutuu ta’een yeroon raawwachuu dhabuun rakkoo qunname irraa ka`uun uummatni meeshaa harkaa qabuun hojii lafaa dabalataan akka hojjetufi kontiraaktarootnis maashinarota ijaarsaa kireeffachuun akka hojjetan, akkasumas maashinaroota gabaarraa argachuun danda`amu bituun deeggarsa akka kennan tarkaaniffii fudhatameen dhiibbaa uumame hanga tokko qolachuun danda’ameera. Sararoota filataman irratti ummatni gareedhaan ijaaramuun hojii ciruu fi haxaa’uu km 8,100 ol raawwachuun hirmaannaa isaanii mirkaneessanii jiru. Gama biraatiin, maallaqa sagantaa kana ittin raawwachiisuuf ummataan waadaa galame qar.mil 303 keessaa mil.182.8 sassabamee baankiitti galii ta’eera.
Qorannoo fi diizaayinii daandii km 9,338 raawwachuuf karoorfamee, km 7,842.34(%84.5) raawwatee jira. Hojiin ijaarsaas walfaana akka itti fufu haaluma taasifameen hojiin lafaa daandii km 6,485.57 kan hojjetame yoo ta’u, kana keessaa km 3,215.39 cirracha uffatee jira. Hojii kana keessattis carraan hojii yeroo namoota 64,000 fi oggeessoota 1,780f uumamee jira.
Gama piroojektoota kaappitalaanis bara kanatti ijaarsa daandii baadiyyaa km 338.2 fi asfaaltii magaalotaa km 9.6, walitti daandii km 347.8 hojjechuuf, sarara daandii 59 adeemsifamaa turan irratti hojii qorannoo fi diizaayinii daandii g/galeessan %56.5 raawwachuuf karoorfamee daandiin km 227.13fi asfaaltiin magaalaa km 3.22, walitti daandiin bonaa-gannaa km 230.35(%66) yommuu raawwatamu, qorannoo fi diizaayinii daandii %38.43 raawwatameera. Gama suphaa daandiitiin, bara kana sarara 169 irratti daandii km 4,995.6 suphuu fi riqaalee 6 akka haaraatti suphuuf karoorfamee daandiin km 4,741.4(%95)yoo suphamu, riqaaleen 2 guutumma guutuutti suphamanii, tokko %50; sadeen hafan rakkoo diizaayiniifi baajataan walqabatee osoo hin eegalamiin hafaniiru.
Raawwiin sektara daandii bara 2004 akka waliigalaatti yommuu ilaalamu, sagantaan waliin gahinsa daandii baadiyyaa karoora ijaarsa daandii bonaa gannaa bara kana keessaa %95.5 ol kan qabatu waan ta’eef xiyyeeffannoo addaan gaggeeffama kan ture ta’us, hojiin qophii yeroo bal’aa waan gaafateef raawwiin jiru giddugaleessaan %62qofa ta’ee jira. Gama hirmaannaa ummataanis hojiin ciruu fi haaxaa’uu ho’inaan kan raawwatame ta’us, buusii maallaqaa irratti boodatti harkifatee jira. Raawwiin pirojektoota kaappitaalaa, keessattuu ijaarsi daandii baadiyaa bonaa-ganaafi asfaaltii magaalaa karoora waggaa irraa %64 qofa irratti kan argamu waan ta’eef hojiin misooma daandii bara itti aanuu xiyyeeffannoo fi tattaaffii cimaa kan nu gaafatu ta’ee argama.
Kabajamoo Afyaa’ii!!
Kabajamtoota Miseensota Caffee!!
Hojii sektara barnootaa ilaalchisee, barnoota qulqullinni isaa mirkanaa’e lammii hundaan gahuun dhaloota ilaalcha gaarii fi gahumsa qabu horachuuf paakeejiin mirkaneeffannaa qulqullina barnootaa sadarkaa hundatti hojii irra oolchuun jalqabamee jira. Misooma barnootaa ilaalchisee bara 2004 kana keessa barnootaa ququllinaa fi walgitinsa qabu babal’isuun rakkoolee ilaalchaa, dandeettii fi dhiyeessii iraatti mul’atan furuun bara 2007tti barnoota sad.1ffaa lammii hundaan gahuuf hojiin bal’aan hojjetamaa tureera.
Hojii kana bifa gurmaa’een milkeessuuf humna raawwachiisummaa hoggansa barnootaa cimsuuf hoggansa sadarkaa adda addaaf leenjiin kan kenname yoo ta’u, barsiisota, barattoota fi maatii barattootaafis leenjiin kennamee jira. Ijaarsi raayyaa misooma barnootaa sadarkaa naannoo irraa eegalee hanga mana barumsaatti bifa haaraan gaggeeffamee hojii keessa kan galan yoo ta’u ijaarsa kanatti fayyadamuun naamusni barataafi tasgabbiin manneen barnootaa akka fooyya’u taasifameera. Carraa barnootaa babal’isuuf hojii hojjatamu keessatti bara kana ijoollee umurii waggaa 7 kuma 940.35 kutaa 1ffaatti simachuuf karoorfamee, ijoolleen kuma 832.27(%89) galmaa’anii barachaa turaniiru.
Dabalataanis ijoollee umurii hundaa mil.1.17 kutaa 1ffaatti simachuuf karoorfamee, ijoollee mil.1.39(%119)simatamanii jiru. Akkasumas ijoollee carraa barnoota idilee hin argatiin sagantaa barnoota bu’uuraa filannoo addaatiin hirmaachisuuf karoorfame keessaa ijoollee kuma131.39(%36) carraa barnootaa kan argatan yoo ta’u, akka waliigalatti sad.1ffaa(kutaa1-8) barattota mil.6.8 barsiisuuf karoorfame keessaa 6.29(%92)simatamanii barataa turaniiru.
Barattoota sad.2ffaa(9-10) 776,351fi qophaa’ina (kutaa 11-12) 98,815 galmeessuuf karoorfamees walduraa duubaan %67 fi %97 raawwachuun danda’amee jira. Gama barnoota ga’eessotaa gocha irratti xiyyeeffateen immoo bara kana keessa ga’eessota mil.4.27barsiisuuf karoorfamee ga’eessota mil.1.56(%36.5) buufataalee kuma 21 ol keessatti barnootni kennamaa jira.
Qulqullina barnootaa fooyyessuuf paakeejiin mirkaneeffannaa qulqullina barnootaa sagantaalee jaha qabu hojii irra oolee jira. Qaama paakeejichaa kan ta’e sagantaan foyya’insa sirna barnootaa qulqullina barnootaa fooyyeessuu keessatti gumaacha guddaa waan qabuuf kitaabilee gosa adda addaa qopheessuun maxxansiisanii raabsuun hojii xiyyeeffannaan hojjatamaa turee dha.Haaluma kanaan kitaabilee barataa fi qajeelchota barsiisaa sad.1ffaa fi sad.2ffaa koppii Mil.8.2 (%66.24)karoora irraa akkasumas kitaabilee barnoota sad.1ffaa hojii irra jiran mil.7.6 (%97) fi kitaabilee barnoota sad.2ffaa dabalataan mil.tokko maxxanfamee raabsamee jira. Dabalataanis fedhii kitaabaa bara 2005 adda baasuun kitaabilee barnoota sad.1ffaa koppii mil.7.7fi kan sad.2ffaakoppii mil.4.1 maxxansiisuuf caalbaasiin gaggeeffamaa jira.
Adeemsa baruu-barsiisuu keessatti ciicatni guddaan tokko barsiisaa gahumsa qabu baayy’inaan horachuu yoo ta’u, gama kanaan barsiisaa haaraa leenjisuu fi qaxaruu cinatti kanneen sistama keessa jiran leenjii hojii irraatiin gahumsa isaanii fooyyeessuun hojii bara kana keessatti xiyyeffannaan hojjetamaa tureedha. Akka waliigalaatti bara kana paakejicha hojii irra oolchuun qulqullina barnootaa fooyyessuuf tattaaffii taasifameen gosa barnootaa hundaan qabxiin barattootaa giddugaleessan %4n dabalee jira.
Ijaarsa pirojeektota bara 2004tti karoorfame keessa kolleejjoota barnoota barsiisotaa 3 ijaaramaa kan turan yoo ta’u, manneen barnootaa qophaa’ina 21 keessaa 3 karooraan ol kan raawwatamefi kanneen hafan sadarkaa adda addaa irratti argamu. Haaluma walfakkaatuun mana barnootaa sad. 2ffaa 31 %40 hojjechuuf karoorfamee, manneen barnootaa 16 karoora qabame irraa %100 yoo hojjetaman, walumaagalatti hojiin kun giddugaleessaan %36.13 irra kan gahee fi ijaarsi mana barumsaa sad.1ffaa 90 %91.4 irra akka gahe hubatameera.
Kabajamoo Afyaa’ii!!
Kabajamtoota Miseensota Caffee!!
Sektara fayyaa keessatti tarsiimoo muuxannoo gaarii babal’isuu paakeejii eeksiteenshinii fayyaa hojiira olchuudhaaf raayyaa misooma fayyaa ijaaruun muuxannowwan naannoolee adda addaa irra argame walitti qindeessuun dokumanttiin qophaa’ee leenjii gamaaggamaa sadarkaa sadarkaan kennuudhaan hojiitti akka galamu ta’ee jira. Gama biraatiin walitti hidhiinsa buufataalee fayyaaf keellaa fayyaa cimsuuf haala mijeesuun barbaachisaa waan ta’eef bara kana buufataalee fayyaa 842f doqdoqqeen bitamanii akka rabsaman ta’eera.
Riiformiiwwan adda addaa dhaabbilee fayyaa keessatti jalqabaman ciminaan akka itti fufan gochuuf sadarkaa naannootti miseensoota boordii fi manajimentii hospitaalaa namoota 425f leenjiin kennamera. Gama biraatiin Leenjii maatii addaa duree abboottii warraa kuma 695(%94)ta’aniif paakeejii eeksiteenshinii fayyaa irratti leenjii’anii akka ebbifaman ta`e jira. Tajaajila Fayyaa haadholee ilaalchisee, waggaa kana keessa dubartootni mil.4.4tajaajila karoora maatii akka argatan gochuuf karoorfamee, mil.3.5(%80) tajaajila kan argatan yoo ta’u, haadholeen mil.1.12(%l00) tajaajila da’umsa duraa fi dubartootni ulfi 351,003(%52) tajaajila da’umsaa argatanii jiru.
Dhaabbileen fayyaa hawaasatti dhiyaatanii tajaajila gahaa kennuu akka danda’an gochuudhaan uwwiisni tajaajila fayyaa bu’uuraa yeroo ammaa %90 irra gahus, tajaajilli da’umsaa dhaabbile fayyaa keessatti sadarkaa barbadameen foyya’aa waan hin jirreef, rakkoo kana furuuf hojjettoota eksiteenshinii fayyaatiif leenjii hojiirra yommu kennmu, narsoota kolleejji adda addaa irraa eebifaman 1,100 oggummaa da’umsaatiin leenjisuun, isaan keessaa narsoota 992 bara kana hojiitti akka galan ta’eera.
Dabalataansi bufaataalee fayyaa sababa hanqina bishaan, ibsaa, qorichaafi hanqina ogeesaatiin ummataaf tajaajila kennuu dadhaban mootummaan naannoo xiyyeefannoo addaa kennuu fi baajata addaa ramaduudhaan buufataalee fayyaa 274 bishaan akka galuuf, buufataalee fayyaa 128f qoricha dabalataa qar. Mil. 10 bitamee kan raabsame yoo ta’u, ogeeyyii fayyaa 5000 ta’an qaxaramanii hojii keessa akka galan taasifameera. Haaluma walfakkatuun du’aatii haadholee sababaa rakkina geejibaatiin gahu hambisuuf ambulaansiin 115 bitamanii aanaaleef kan raabsaman yoo ta’u haadholeen tajaajila bilisaa kana akka fayyadaman tumsi hawaasa keenyaa murteessaa ta’a.
Tajaajilli talaallii daa’immani toofta dhibee fi du’aati daa’immani hir’isan keessa iddoo ol’aanaa kan qabu waan ta’eef, hojii xiyyeefannoon itti kenname hojjetama jiru dha. Haaluma kanaan tajaajilli talaallii daa’immani bara kana keessa gageeffameen daa’imman umuriin isaanii waggaa tokkoo gadii mil.1.07(%100); talaallii farra dhibeewwan shanii fi daa’imman kuma 975.1(%100) ta’aniifis talaalliin farra dhibee gifiraa, akkasumas da`imaan waggaa tokkoo gadii kuma 861.75(%97)ta’an talaallii guutuu akka argatan ta’eera.
Dhibeen HIV/AIDS rakkoo fayyaa bira darbee rakkoo dinagdee fi hawaasumma erga ta’ee waggoota baayyee lakkofsiseera. Kanaafuu, ummatni keenya dhibee kanarraa baraaramee, fayyummaan isaa eegamee misooma hawaas-dinagdee biyyattii keessatti gahee olaanaa akka taphatu gochuun barbaachisaa dha. Kana galmaan gahuuf mariin hawaasa dhimma HIV/AIDSii irratti gandoota keessatti gaggeefama kan turee yoo ta’u bara kana keessas namoota mil.2.2(%80) marii hawaasa gaggeefame irratti akka hirmaatan ta’eera. Tajaajila gorsaa fi qoranno dhiigaa namoota mil. 3.62(%100 ol) ta’an argatani jiru. Kana keessaa namootni 25,947(%0.7)dhiigaa isaanii keessatti vaayirasiin HIV argamee jira.
Qoricha farra HIV/AIDS kennuu waliin walqabatee waggaa kana keessa namootni sadarkaa qoricha fudhachu irra ga’u jedhamee eegaman 98,285 yoo ta’an, hanga ammatti lakkoofsi namoota qoricha jalqabaanii 87,993(%90) irra gaheera.
Naannoon keenya dhibeen busaa bal’inaan kan keessatti mul’atu waan ta’ef ummata naannichaa dhibee kanaaf saaxilamuu danda’u baraaruuf hojjetoota eksiteenshinii fi raayyaa misooma fayyaa sadarkaa ganda fi ganda gaditti ijaarameetti fayyadamudhaan hubannoo hawaasaa cimsuun hojjetamaa tureera. Ittisaa fi to’annoo dhibee busaa ilaalchisee,waggaa kana keessa hojii guddaa raawwatame keessaa saaphanii siree mil. 2.47(%94) rabsamee jira. Biifaa keemikaala farra bookee busaa naannoo busaan itti argamu irratti biifuuf karoora waggaaf qabame manneen mil.2.37 (%100 ol) akka biiffaman ta’ee jira.
Biifa keemiikalaa gaggeefamee kanaaniis ummatni mil.11.86 ta’an dhibee busaa irraa akka ittifaman ta’eera. Gama biraatiin iddoowwan walhormaata bookeetiif mijaa’aa ta’an m2 mil. 54 duchuun danda’ameera. Gama raawwii kenniinsa tajaajila wal’aansaatiin bara kana dhukkubsattoota mil.8.49(%94) tajaajila yaalaa yeroo duraa fi deddeebiin yoo argatan, dhukkubsatootni kuma 249 dhaabbilee fayyaa keessa ciisanii tajaajiila waldhaansaa argatanii jiru. Akka waliigalatti paakeejii eksiteeshinii fayyaa hojii irra oolchuun dhibee daddarbaa ittisuu fi tajaajilli fayyaa bu’uuraa fooyyaa’aa kan dhufe ta’us sagantaalee paakejichaa guutumaan guutuutti hojii irra olchuun dhimma xiyyeeffannoo barbaaduu dha.
Ijaarsa pirojeektoota buufataalee fayyaa 183 bara 2003 irraa as ce’an keessaa 132 guutumaa guutuutti kan xumuraman yoo ta’u, kanneen hafan sadarkaa adda addaa irratti argamu. Akkasumas hospitaalota 11 as ce’an keessaa afur %100 xumuramanii 7 immoo sadarkaa adda addaa irra gahanii jiru. Gama biraatiin piroojektoota bara 2004 haaraa jalqabaman ilaalchisee ijaarsi bilookii dabalataa buufataalee fayyaa 138 keessaa 78 %100 yoo xumuraman, ijaarsi buufataalee fayyaa 150 bara kana %40 hojjechuuf karoorfaman keessaa 27 guutumaa guututti yoo xumuraman kana hafan sadarkaa adda addaa irratti argamu. Kana malees ijaarsi hospitaalota 31 bara kana %30 raawwachuuf karoorfamee, sadii %30-40 kan gahame yoo ta’u, kan hafan sadarkaa adda addaa irra gahanii bara 2005tti ce’anii jiru.
Gama dhimma dubartii fi daa’immaniiin bara kana hojiiwwan gurguddoo raawwataman keessaa, dubartootni kuma 377ol fayyadamtoota liqii ta’uun rakkoolee hawaas-diinagdee isaanii furachuu kan danda’ani fi dubartootni kuma 239.5 qusannoo irratti hirmaachuun galii isaanii guddifachuu danda’anii jiru. Ijaarsa raayyaa misooma dubartootaa ilaalchisee bara kana sadarkaa adda addaatti maalummaa fi faayidaa paakeejii eksiteenshinii fayyaa, mirgaa fi fayyadamummaa dubartootaa gama dinagdeefi hawaasummaa mirkaneessuu irratti leenjiin dubartoota mil.3.65f kennamee hojii keessa akka galan taasifameera.
Fayyadamummaa dubartootaa guddisuuf dubartootni kuma 249.5 garee walgargaarsaan akka ijaaramanfi kanneen armaan dura garee qusannoo fi liqiitiin ijaaraman kuma 239.5 qusannoo irratti akka hirmaatan taasifameera. Haaluma kanaan dubartoonni maallaqa isaanii qusachuun dinagdee isaanii guddifachuu irra darbanii qusannoo biyyattii keessatti gahee isaanii akka bahanu taasifamee jira. Gama biraatiin dubartoota kuma 232 fayyadamtoota liqii taasisuuf karoorfamee, dhaabbilee liqii kennan adda addaa waliin ta’uun dubartotni kuma 378ol fayyadamtoota gochuun dubartootni maxxantummaa dinagdee jalaa akka bahan taasifameera.
Daa’imman maatii hin qabnee fi rakkinaaf saaxilaman 265,325 keessaa Afooshaalee, waldaalee adda addaa, dhaabbilee guddisa daa’immanitiinfi dhaabbilee amantaatii daa’imman 67,065(%25.3) deeggarsa akka argatan taasifameera. Mirga fi nageenya daa’immanii mirkaneessuu ilaalchisee, daa’imman kuma 28 maatii hin qabne fi rakkinaaf saaxilaman kutaalee hawaasaa gara garaa fi dhaabbilee mit-mootummaatiin deggarsa meeshaalee barnootaafi maallaqaa akka argatan daa’imman kuma 51.5 gargaaruun danda’ameera. Gama biraatiin mirgoota adda addaa fi chaartarii mirgaa fi nageenya daa’immanii irratti qaamoolee hawaasaa adda aaddaa kuma 56.7 hubannoo akka argatan taasifameera.
Sirna guddifachaa akka hojii ijoo tokkootti dirirsuun hubannoo taasifameen daa’iiman 1,557 ta’an guddifachaa biyya keessaa karaa mana murtiitii fi aadaatiin haala seera qabeessa ta’een akka argatan taasifameera. Sababoota daa’iimman rakkinaaf saaxilan addaan baasuuf magaalaa gurguddoo naannoo keenyaa lama keessatti qorannoon gaggeeffamee dokmantiin qopha’eera.
Kabajamoo Afyaa’ii !!
Kabajamtoota Miseensota Caffee !!
Paakeejii guddinna dargaggootaa hojii irra oolchuun hirmaannaafi fayyadamummaa dargaggootaa mirkaneessuuf bara kana keessa hojiin humna raawwachiisummaa xiyyeeffannon hojjetamaa tureera. Haaluma kanaan caasaa godinaa fi magaalaa gaggeessitoota 109f leenjiin kan kenname yommuu ta’u, dargaggoota mil.2.58 ta’aniif heera mootummaa, imaammataa fi paakeejii guddina dargaggootaa irratti leenjiin kennamee jira. Haaluma wal-fakkaatuun ittisaafi to’annoo HIV/AIDSfi walqixxummaa koorniyaa irratti dargaggoota kuma 852.74f leenjiin yommu kennamu, dargaggoota mil.3.5(%73.5) ta’an haala yeroo irratti hubannoo isaanii cimsuuf marii akka gaggeessan taasifamee jira.
Hojii babaldhina ispoortii ilaalchisee ispoortiin bu’uura ummatummaa akka qabaatuu fi manneen barnootaa madda ispoorteesitootaa akka ta’an hojii hojjetamaa tureen buufata 123 irratti dargaggoota 2,775f leenjiin kennamaa jira. Gama biraatiin tapha guutuu Itiyoophiyaa 3ffaaf dirreewwan ispoortii adda addaa sadarkaan isaanii eegame magaalaa Adaamaa, Asallaa fi Bishooftuu keessatti qopheessuun haala guutuu ta’een qopheessuun kan kessumsiifame yommu ta’u, tapha kana irratti naannoon keenya gosa ispoortii 17n hirmaannaa taasisuun qabxii olaanaa galmeesisee jira.
Qorannoo fi qo’annoo afaanii, hambaalee seenaa fi aadaa gaggeessuun maxxansiisuu fi beeksisuun hojii gama aadaa fi turiizimiin raawwatame yoo ta’u, bara kana afoola adda addaa jildii 60 walittii qabuun danda’ameera. Bu’aa qorannoo afaanii kitaabaa 4 qopheessuun maxxansiisuuf karoorfamee 3 kan xumurame yoo ta’u, galmee jechootaa afaanii 13,000(%85) raawwachuun, jechootaa 7,760 hiikkaan kennameefii jira. Qorannoo seenaa Oromoo hanga jaarraa 20ffaa, sirna gadaa Oromoo maccaa fi qabsoo Oromoo Baalee jedhurratti ragaa barreeffamaafi odeeffanno walitti qabuu walduraa duubaan %50, %30 fi %20 karoorfamee guutumaan guututti raawwatamee jira.
Sochiin hojii hambaalee shan galmee hambaa adunyaattii galmeesisuuf jalqabame keessaa dirree sheek huseeni, holqaa soof-umar fi Paarkii gaarrawwan Baalee sanadni kaadhimummaa qopheessuu xumuramee, galmee yeroo ”UNESCO’’tti kan galmaa’an yoo ta’u, kan malkaa qunxurree fi kan bosona Yaayyoo tartiiban %70 fi %35 irraa gahee jira. Hambaalee sadeen galmaa’an galmee dhaabbataa addunyaa keessattii galmeessuuf hojiin addaa addaa hojjetamaa jira.
Qabeenya aadaaf tuuriizimiin naannoo keennaa biyya keessaa fi alatti beeksisuuf maxxansaalee akka poostaroota, baanarootaa, dokumantarii fiilmii fi buroosharoota qopheessuun raabisamee jira. Gama hojii pirojektii ilaaluun ijaarsaa giddugalaa aadaa maddaa walaabuu addaan citee ture bara kana %7 kan raawwatame yoo ta’u, ijaarsa giddugalaa siidaa aanoolee %43.75 hojjachuuf karoorfamee %19.75 raawwachuun akka waliigalaattii %76 irra gahee jira.
Kabajamoo Afyaa’ii!!
Kabajamtoota Miseensota Caffee!!
Hojii Siviil Sarvisii fi Bulchiinsa Gaarii ilaalchisee meeshaalee riifoormii jalqabaman hojii irraa oolchuuf akka gargaaru manuwaalii fi qajeelfamotni adda addaa qophaa’anii hoggansa fi raawwattoota sadarkaa sadarkaan jiraaniif leenjii hubannoo cimsu kennamee akka hojii irra oolan taasifameera. Meeshaalee riifoormii kana hojii irra oolchuufis ijaarsi fi gurmaa’insi raayyaa jijiiramaa murteesaa waan ta’eef qajeelfama gurmaa’insaafi hoggansa raayyaa jijjiiramaa siivil sarvisii qopha’ee manneen hojii sadarkaa hunda irra jiraan akka hojii irraa oolchan taasifameera.
Gama kanaan sadarkaa naanootti jalqabbii gaariin yoo jiraates, sadarkaa godinaa, aanaa fi magaalaatii akkaataa idilaa’eefi ittifufiinsa qabuun waan hin geggeefamneef ammas xiyyeefannaa hoggansa sadarkaa hundaatti jiran akka barbaadu kabajamoo miseensa caffee kanaaf ibsuun barbaada.
Gama biraatiin SMBKT(BSC)bu’aa hojii safaruun murteesaa waan ta’eef akkaataa hojimaata taa’een iskoorkaardii naannichaa hanga sadarkaa gandaattii safaruuf akka gargaaru leenjii hubannoo cimsu sadarkaa naannoo irraa kaasee hanga aanaatti waan kennameef Adoolessa 1 bara 2004 irraa eegalee bu’aa tarsiimichaa safaruun akka danda’amu qophiin barbaachisaa ta’ee hundi kan xumurame yoo ta’u, tajaajila qulqullinaa fi sadarkaa isaa eegee dhiyeesuu, sirna ittigaafatammumaa fi iftoominaa mirkaneesuuf waadaa kan itti galamu sanadni chaartarii lammii tajaajilamaaf ifa gochuuf qophiin barbachisaa ta’e hundi xumuuramee jira.
Misoomni teekinooloojii qunnamtii odeeffannoo (TQO/ICT)sochii guddina siyaas-dinagdeefi hawaasummaa naannoo keenyaa keessatti qabu hubachuudhaan, yeroo ammaa hojiiwwan babal’ina bu’uura misoomaa fi dandeettii raawwachiisummaa cimsuu bal’inaan gaggeeffamaa jira. Haaluma kanaan, bu’uura misoomaa TQO babal’isuutiin walqabatee bara kana sadarkaa naannootti, wiirtuuun odeefannoo naannoo tokko dabalataan ‘ZTE’ jedhamuun akka hundaa’u taasifamee, sararri viidiyoo konfiransii haaraan, dhaabbata leenjii tokkoo fi bulchiinsa godina addaatiif akka diriiru gochuudhaan tajaajila akka kennu taasifamee jira.
Kenninsa tajaajila TQO ilaalchisee aanaaleen 197 sararri ‘woreda-net’ diriireefi wiirtuu daataa naannoo wajjin walqunnamaa turan irraa gara teeknoolojii fooyya’aatti jijjiruuf hojjiin kan jalqabame yommuu ta’u, aanaalee ‘Fiber Obtics’ keessa darbu 21’f hojiin jijjiirraa teeknoolojii kun raawwatamee jira.
Aanaalee 69 hafaniif immoo haaluma wal-fakkaatuun “Woreda Net”n wal-quunnamsiisuuf hojjetamaa jira. Manneen hojii mootumma sadarkaa naannoo irraa hanga aanaatti argaman bu’aa bahii tokko malee sagantaa qabaniin tajaajila vidiyoo konfiransitti akka gargaraman taasisuun danda’ameera.
Mootummaan ittigaafatamummaa ummataaf qabu karaan itti mirkaneessu keessaa tokko karooraafi raawwii isaa yeroo yerootti ragaa fi odeeffannoo qabatamaa ta’e kennuu akka ta’e beekamaadha. Bara kana hojii bala’an dhimmoota komuunikeeshinii mootummataatiin raawwatamanii jiru. Bu’uuruma kanaan dandeettii raawwachiisummaa qaamolee komunikeeshinii mootummaa sadarkaa sadarkaan jiranii cimsuuf hojimaata komunikeeshiniifi tarsiimoowwan mootummaa misoomaarratti leenjiin adda addaa kan kenname yoo taú, waltajjiiwwan marii qaamni mootummaa fi hawaasni garaagara walitti dhufanii mariyatan sadarkaa adda addatti uumuuf karoora qabame keessaa waltajjiiwwan1,703(%128) qindeessuun dhimmoota adda addaa irratti mariyachudhaan ejjennoo fi hubannoon walfakkaatuun akka hoijiitti galan godhameera. Gama biraatiin odeeffannoowan kuma 15 ol ta’an kan darban yoo ta’u, maxxansaalee kooppii miliyoona sadii ol ta’an raabsamanii ummatni odeeffannoo akka argatu taasifameera.
Dhaabbatni Raadiyoo fi TVOs oduuwwan wayitaawaa qopheessuun tamsaasa tureera. Keessattuu haguuggiin tamsaasa dhabbatichaa qulqullina isaa eegee akka babal’atu, yeroo fi qabiyyeen tamsaasa isaas akka foyya’u mootummaan dhiyeenyatti hordofaafi deeggaraa kan jiru yoo ta’u,tamsaasni raadiyoo AM fi FM bara 2003 keessa torbanitti sa’atii 109 kan ture irraa gara sa’aatii 119tti yoo fooyya’u, tamsaasi TVO immoo sa’aatii 56 irraa gara sa’aatii 82tti guddisuun kan danda’amefi dhaabbatichi teeknoolojii amayyaatiin deeggarame tajaajila qulqulluu akka kennu gochuuf gama mootummaatiin qar.mil.75 ramadamee hojii babal’inaa raawwatamaa jira.
Walumaagalatti bara 2004tti qunnamttii kallattii fi gama miidiyaatiin sochii kenniinsa odeeffannoo mootummaa taasifameen tumaalee heera mootummaa, imaammataa fi sagantaalee misoma qonnaa, bu’uuraalee misoomaa, misooma hawaasummaa, diimokraasii fi bulchiinsa gaarii, qabsoo farra kiraa sassaabdummaa fi ejjennoo mootummaa misoomawaa irratti, haalawwan yeroo fi saganaalee riifoormii adda addarratti hawaasaa fi qaamolee raawwchiisan biratti hubannoo gaariin kan uumame yoo ta’u, kanaanis kaka’umsii fi hirmaannaan ummatni misoomaa fi bulchiinsa gaarii keessatti taasisu haalaan fooyya’aa dhufeera.
Kana malees karooraafi sagantaalee mootummaan baasuu irratti walta’insi gaariin uumaamuu isaatiin hirmaannaa fi tumsi ummatni keenya ijaarsa hidha haaromsa guddicha laga abbaayyaa irratti taasiise hojii fakkeeyummaa gaarii qabuufi keessattuu kaka’umsi qonnaan bulaafi horsiisee bulaan keenya agarsiise kan nama jajjabeessuufi cimee kan ittifufu ta’a. Gama kanaan deeggarsi akka waliigaalaatti taasifame yoo ilaalamu, hanga ammaatti bittaa boondii hojjetaa motummaa, hawaasa adda addaa fi arjoomaan walumaagala qar. Bil.1.097 waadaa galame keessaa qar. Mil.331.94(%30) galii ta’eera.
Kabajamoo Afyaa’ii !!
Kabajamtoota Miseensota Caffee !!
Sochii hojiiwwan haqaa fi nageenyaa mirkaneesuuf taasfamaa ture keessatti nageenyi amansiisaan akka jiraatu fi ol’aantummaan seeraa akka kabajamu taasisuun danda’ameera. Nageenya naannoo keenyaa amansiisaa taasisuuf sochii taasfamaa tureen caasaan nageenyaa ummata wajjiin marii gaggeessuun dhimmolee yaaddoo nageenyaa ta’an addaan baasuun ummatni akka irratti mar’atuu fi qooda akka fudhatu taasisuun hojiin gaariin hojjatamaa tureera.Keessatuu makaraarsitootni amantaa dawoo godhachuun sochii taasisaa turaniin akka waan mootummaan dhimma amantaa keessa seeneetti fakkeesanii olola sobaa gaggeessuun rakkoo uumuuf sochii adda addaa gageessaa kan turan yoo ta’u, mootummaan uummataa fi gaggeesitoota amantaa wajjiin marii fi leenjii gaggeessuun hubannoon sirrii ta’e akka uumuu taasifameera.
Leenjii fi marii sadarkaa adda addaatti taasfameen rakkoolee hedduun gama kanaan mul’achaa turan akka sirraa’an kan taasfame yoo ta’u, gara fuuladuraattis ciminaan kan irratti hojjatamu ta’a. Keessumattuu, olola sobaa qaamoleen tokko tokko gaggeessaa turaniin mootummaan dhimma amantaa keessa kan hin seenee fi mirgi amantaa heera mootummaan mirkanaa’ee jiru lammiilee hundaaf wal-qixa akka kabajamuuf hojjachaa kan ture yoo ta’u, biyya keenyatti mirgi amantaa yeroo kmiiyuu caalaa kan kabajamee fi namni kamiiyuu amantaa isaa guutummaan guututti gaggeefachuuf mirga kan qabu ta’uu isaa ni beekama.
Amantaa dawoo godhachuun qaamoleen fedhii dhokataa isaanii galmaan gahachuuf carraaqaa turan mootummaan ummata fi gaggeesitoota amantaa adda addaa wajjiin ta’uun hojii hojjetamaa tureen akka fashalaa’u kan taasfame yoo ta’u, hawaasa bal’aa birrattis hubannoo gaariin akka uumamu taasfameera.
Haa ta’u malee ammas taanaan sochiin qaamotni muraasa ta’an gaggeessaa turan dhabamee jira jechuun waan hin danda’amneef, rakkoo kana hundeerraa maqsuuf hirmaannaa hawaasa keenyaa murteessaa ta’uu isaa fi nageenya naannoo isaa cimsee akka eeggatu carraa kanaan hubachiisuun barbaada.
Gama biraatiin walitti bu’iinsi daangaa naannolee ollaa wajjiin darbee darbree sababa rakkoo bishaan dhugaatii, marga, babal’iffannaa lafa qonnaa, qubannaa seeraan alaa fi kkf uumamaa ture marii hawaasaa fi mootummaa naannoolee ollaa wajjin taasifamaa tureen dhimmotni hedduun furmaata akka argatan kan taasifame yoo ta’u, gara fuula duraattis walitti-dhufeenya hawaasa daangaa irra jiru cimsuuf qindoominaan hojjachuun rakkoowwan uumaman yeroon furmaata akka argatan kan taasifamu ta’a.
Gama biraatiin yakka ittisuu fi nageenya kabachiisuuf ijaarsi koomuniitii poolisingiin ganda gandaan akka gaggeeffamu taasisuun iittisa yakkaa irratti akka hirmaatu taasifamaa kan jiru yoo ta’u, namoota yakkaan shakkaman fi yakkoota garagaraa irratti hirmaatan seeratti akka dhiyaatan hojjii hedduun hojjatamaa kan jiru yoo ta’u, hawaasa keenya bal’aa irraas tumsi guddaan barbaadama. Malaammaltummaa fi hojmaata badaa ittisuuf barumsi naamusaa qaama hawaasa adda addaatiif kenamaa kan ture yoo ta’u, miidiyaalee adda addaa fayyadamuun hojiin ummata barsiisuufi beeksisuu raawwatamaa tureera.
Manneen hojii mootummaa fi dhaabbilee misooma mootummaa adda addaa keessatti qondaaltotni naamusaa 1,814 ramadamanii hojjatamaa jira.Sochii hojii haqaa cimisuu keessatti dandeettii qaamolee haqaa cimsuuf marii fi leenjiin kennamaa kan ture yoo ta’u, gama biraatiin rakkoowwan qaamolee haqaa fi nageenyaa biratti mul’atan qorrannoo gaggeesuun akka addaan bahan kan taasfame yoo ta’u, tarkaanfiin sirreeffamaa adda-addaas fudhatameera.
Hojii tajaajila seeraa iftoominaan raawwachuun haqummaa mirkaneessuu keessatti hirmaanaan abbootii dhimmaa iddoo ol’aanaa waan qabuuf, karaa iftoomina qabuun akka keessumaa’an gochuu cinaatti ciminaa fi hanqinaalee raawwii hojii keessatti mul’atan addaan baasuun ummatni akka irratti mari’atuu fi dhimmoota kenniinsa tajaajila haqaa keessattii gufuu ta’an hiikuuf wal-qunnamtii gama lamaanii cimsuuf hojii bal’aan hojjetamaa tureera.
Galmeewwan yakkaa bara kana qoratamanii dhiyatan keessaa 52,477(%99.3) irrati murteen kan kenname yoo ta’u, galmee 50,250(%96.75) irrati himannaan banamee mana murtiitti akka dhiyaatan ta’eera.Sadarkaa Mana murtiittis bara darberraa kan as ce’e dabalatee walumagalattii bara kana galmeen himataa dhiyaatan keessaa 48,915(%94.2)murtee akka argatan ta’eera.
Akka waliigalaatti bara kana hojii tajaajila haqaa naannoo keenyaa fooyyessuuf gama sagantaa fooyya’insa sirna haqaatiin karoora of danda’e qopheesuun sochii taasifamaa tureen hojii hedduun hojjatamee jira.
Kabajamoo Afyaa’ii!!
Kabajamtoota Miseensota Caffee!!
Milka’ína KGT tiif galii mootummaa ciminaan sassaabuun murteessaa akka taé ni-beekama. Bara 2004tti galii idilee qar.bil. 3.007fi kan mana qopheessaa qar.bil. 1.045 waliigalaa qar.bil.4.053 sassaabuuf karoorfamee hojjetamaa kan ture yoo ta’u, galii kana akkaataa karooraan sassaabuuf kenniinsa tajaajilaa fi hojimaata sassaabbii galii keenya fooyyessuun haala gaariin raawwatamee jira.
Haaluma kanaan galiin idilee hanga dhuma Waxabajjii 2004tti qar. Bil 3.48(%115.7) kan sassaabame yoo ta'u, kan manneen qopheessaa qar.Mil.946.115(%90.45) walitti qabuun danda'ameera. Raawwiin galii idilee karoora bara kanaa irraa(%15.6)n fi kan bara 2003 iraa immoo %49.7n caalmaa kan qabu yoo ta’u, galiin mana qopheessaas kan bara 2003 walitti qabame irraa %22.3n caalmaa kan agarsiisuu ta'ee mul'ata. Akka waliigalaatti bara 2004 keessa qar.Bil. 4.053 sassaabuuf karoorfamee, qar. Bil.4.43(%109) sassaabuun dandaámeera.
Itti fayyadama bajataa ilaalchisee bara baajata xumure kanatti sanduuqa mootummaa irraa baajatni sirraa’e marmaartuu fi kaappitaalli waliigala qar. bil.14.059 ramadame keessaa marmaartuun %95fi kaappitaala %80, waliigala qar.bil.12.854 (%91) hojiirra kan oole yoo ta’u, baajata galmoota guddinaa barkumee (MDG) raawwachiisuuf sektaroota kallattiin hiyyuummaa hirísuu irratti hojjetaniif ramadame qar.bil.4.879 keessaa qar.bil.4.769(%97)kaffaltii yeroo ittiin eeggannoo dabalatee hojiirra oolchuun akka dandaámu hubatameera. Walumaagala baajata bara 2004 keessa sanduuqa mootummaafi sagantaa ’MDG’ irraa sagantaa idilee fi kaappitaalaaf sadarkaa naannoo fi aanaatti kan ramadame qar.bil 18.94 keessaa qar.bil. 17.623(%93) hojiirra oolchuun danda’ameera.
Akka waliigalaatti karoora bara baajataa 2004 keessatti sochiiwwan gama misoomaafi bulchiinsa gaariittin gaggeessaa turre keessatti sektaraa sektaratti garaagarummaan raawwii yoo jiraates, iddoo irraa ka’ame waliin madaaluun barbaachisaa yoo hin taanes, hojiiwwan hedduu irratti raawwiin keenya foyya’insa akka qabu ilaaluun danda’ameera. Haa ta’u malee galma KGT keessatti qabamee jiru fi iddoo yeroo kanatti irra gahuu qabnu waliin yoo madaallu fuladuratti hojii guddaan akka nu eeggatu dagatamuu hin qabu.
Keessattuu hojiiwwan waggoota 2n (2003 fi 2004) dabarsine keessatti karoorfamanii sababa adda addaatiin harca’anii hafan karoora bara 2005 irratti dabalataan raawwachuuf yeroo kamiyyuu caalaa qophii cimaa gochuun xiiqii fi humna guutuudhaan hojjechuu kan nu gaafatu ta’ee argama.
Kanaafis ijaarsa raayyaa misoomaa fi jijiirama irratti sochiin taasiifamaa ture fi bu’aan mul’achuu jalqabe raawwii hojii keenya fuuladuraaf haala mijaa’aa akka nuuf uumu yaada keessa galchuudhaan hojii jalqabne ho’ina isaa eegnee caalmaatti lafa qabsiisuun gahee fi dirqama hunda keenya irraa eegamu bahuu akka dandeenyu waamicha koo dabarsaa, karoora keenya bara itti aanuu gahumsaafi qulqullinaan raawwachuuf hordoffii fi deeggarsi kabajamtoota miseensota caffee keenyaa fi tumsi hawwasa keenya irraa eegamu yeroo kamiyyuu caalaa kan barbaadamu ta’uu isaa ibsaa, gabaasa raawwii hojiiwwan gurguddoo qaamoolee raawwchiistuu mootummaa naannoo keenyaa kan bara 2004 asumarratti yoon xumuru, kabajamaan caaffee kun gabaasa dhiyaate mariin gabbisuun akka mirkaneessu kabajaan gaafaachaa, kanatti aansee kallattiiwwanii fi maniiwwan gurguddoo karoora bara 2005(KGT waggaa 3ffaa) dhiyeessuun yaala.
Kabajamoo Afyaa’ii!!
Kabajamtoota Miseensota Caffee!!
Akkuma beekamu mootummaan naannoo karooa guddinaa fi tiraansifoormeeshinii waggaa lamaa xumuruun gara waggaa sadaffaatti ce’aa jirra. Ka’umsi karoora bara 2005 kallattiiwwan bu’uuraa karoora GT hojiitti hiikuudhaan guddina ittifufiinsa qabu galmeessuu waan ta’eef haala qabatamaa naannoo keenyaa fi humna rawwachiisummaa jiru ilaalcha keessa galchuun fi akkasumas raawwii karoora bara 2004 keessatti hanqina fi cimina mul’atan hubannoo keessa galchuun kan qophaa’e dha.
Kaayyoon karoora bara 2005 kallattii hundaan hojiiwwan baroota 2003 fi 2004 keessatti karoora irraa harca'anii hafan duguuganii hojiiwwan barichaaf qabaman waliin raawwachuudhaan dhuma bara baajatichaatti guddina dinagdee naannoo keenyaa yoo xiqqaate %11.5 galmeesuu fi ummatni naannichaa fayyadamaa misooma dinagdee fi hawwasummaa akka ta’u gochuu yommuu ta’u, galmawwan tarsima’aa gudguddoo karoora bara 2005 gama misooma dinagdee, hawaasummaa, bulchiinsa gaarii fi gama ijaarsa sirna dimokiraasiitiin karoorfaman keessaa isaan gurguddoon kanneen armaan gadiitti dhiyaatan ta’u.
Haaluma kanaan, sektarri qonnaa utubaa dinagdee uummata keenyaa ta’uu isaa irraan kan ka’e xiyeeffanoon guddaan ittikennamee kan hojjatamu yoo ta’u, gama oomisha midhaan gurguddootiin bara 2003/04tti lafa hekt. mil.5.4 misoomsuun callaa kunt. Mil. 108.1 argame bara oomishaa 2004/05tti kunt. Mil.146.54irra akka gahu ni-taasifama. Omishtummaan midhaan gurguddoo kan bara 2003/04tti hektaara tokkotti kunt.19.68irra jiru irraa bara 2004/05tti gara kunt.25.6 kan guddatu yommuu ta’u, hojii kana galmaan gahuufis kenninsa tajaajila ekisteenshinii cimisuufi ittifayyadama callaa guddistuu xaa’oo kunt. mil.5.1 fi sanyii filatamaa gosa adda addaa kunt.kuma 805.56 dhiyeessuuf karoorfameera.
Galmoottan karoora bara 2005 sektara qonnaa keessatti kaa'aman kana galmaan gahuufis hojiin ekisteenshinii qonnaa saffinaan kan itti adeemamu yommuu ta’u, keessattuu wirtuulee leenjii qonnaan/horsiisee bulaa babal'isuu fi kan ijaaramanii hojii keessa hingaliin hojii keessa galchuun uummatni keenya ittifayyadama tekinooloojii haaraa ta’uun akka fayyadamu taasisuun isa ijoo ta’a. Haaluma kanaan bara 2005tti wirtuuleen leenjii qonnaan/horsiisee bulaa dabarsa teeknooloojii ta'uu dhaan omishaa fi omishtummaa qonnaa guddisuu keessatti gahee ol'aanaa kan taphatan ta'uun wiirtuuleen 1,414 haaraa ijaaruun fi 1,134 ta’aniif meeshaalee guutuu fi kan meeshaan guutameef leenjiin hin jalqabiin 1,501 ta’an guutummaatti leenjii fi hojiin argisiisuu akka eegalan ni taasifama. Gama biraatiin bara kana lafa jallisii hek.Mil.1.2 misoomsuudhaan callaan kunt. Mil.106 akka omishamu ni taasifama.
Omisha bunaafis xiyyeeffannaan kennamee kan hojjetamu yommuu ta’u, sanyii bunaa kiilograama kuma 412.2 qopheessuu, biqiltuuwwan bunaa miliyoona 357 dhaabuu fi kunuunsa bunaa fooyyessuun oomishni bunaa toonii kuma 310.4 irraan gahuun fi akkasumas buna oomishamu keessaa toonii kuma 211 gabaa gidduugaleessaaf akka dhihaatu karoorfamee jira. Sochii bu’uura hawaasa-dinagdee gaggeeffamu keessatti waldaaleen hojii gamtaa shoora qaban dabaluun fayyadamummaa uummata keenyaa sadarkaa ol’aanaatti ceesissuuf baay’ina waldaalee bu’uuraa 2,017 haaraa ijaaruun, miseensota waldaalee hojii gamtaa mil. 1.88 dabaluunfi yuuniyenota hojii gamtaa 149 irraan gahuuf karoorfameera.
Gama misooma beeyladaatiin bara 2005tti oomisha aannanii foyyeessuuf tajaajila namaan loon diqaalomsuu(AI)tti gargaramuun sanyii horii naannoo fooyyessuuf loon kuma 139.4 diqaalomsuun, raaddewwan Booranaa 7,854 qonnan bultoota naannoo baddaaf dhiyeessuunfi lukkuu kuma101.76 kan dhiyaatan ta’u. Gama birootiin oomisha dammaa ammayyeessuun qonnaan bulaan fayyadamaa akka ta’u taasisuuf gaagurri foyya’aan 39,948 kan dhiyaatufi akkasumas naannoo horsiisee bulaatti lafa dheedumsaa manca'e hekt. kuma 384.5 addaan baasuun, beeyladoota mil. 68.5f tallaallii gosa adda addaa, akkasumas beeyladoota mil. 58.5f tajaajila wal’aansaa kennuuf karoorfameera. Bara kanas hojiin misooma sululaa saffinaan kan ittifufu yommuu ta’u, sululoota 6,742 lafa hek. mil. 3.15 irratti hojiiwwan gudguddoo lafa daangessuu hekt. mil. 1 ol fi daagaawwan garaa garaa km mil.1.61 kan hojjetaman ta’u.
Sululoota hojjetaman irrattis biqiltuuwwan garaa garaan uwwisuuf sanyiin mukaa kiiloograama kuma 609.9 fi biqiltuuwwan bil.3.89 kan qophaa’an yoo ta’u, misooma kana irratti dargaggootaafi dubartootni waldaalee 13,484 ijaaramanii fayyadamoo akka ta'an ni taasifama.
Hojii bulchiinsa lafa baadiyyaa ilaalchisee waraqaa ragaa sad.1ffaa Lafa dhunfaa hek. kuma 610.4 abbaa warraa kuma 381.5f kennuun fi waraqaa ragaa sad.2ffaa hek. kuma 422.5 ta’u irratti abbaa warraa kuma 334.2f kennuuf karoorfameera. uwwisa karoora itti fayyadama lafaa sululoota gurguddoo irratti bara 2004tti %42 irra ture gara %85tti akka guddatu ni-taasifama. Gama eegumsa naannootiin dhibbaa warshaaleen naannoo irraan gahan hambisuuf Warshaalee adda addaa 533 to’achuu fi hordofuun fi akkasumas warshaalee 6 irratti odiitii gaggeessuun kan raawwatamu ta'a.
Akka waliigalaatti guddina dinagdee naannoo keenyaatiif bu’uura kan ta’e misooma qonnaa cimsuuf kan gargaaru teekinoloojiwwan ammayyaa gara garaa baasuu, dagaagsuu akkasumas biyya alaatii kan argaman haala qabatamaa fedhii misooma naannoo waliin walsimsiisuufi walitti hidhaminsa gidduugaleessota qorannoo qonna keenyaa wirtuulee leenjii qonnaan bulaa waliin jiru cimisuun oomishinii fi oomishitummaan dabaluun cimee kan itti fufu ta'a. Haaluma kanaan, hojiiwwan qonnaa armaan olitti gaggeeffaman qorannoodhaan deggaruun bara 2005tti yaalii qorannoo adda addaa teekinooloojii misooma midhaanii, misooma beeyladaa, qabeenya uumamaa fi makanaayizeeshinii qonnaa kan armaan duraa gaggeeffama turan 435fi haaraa 269 gaggeessuun teeknolojjiwwan haaraan 199 akka bahaan kan taasifaman ta’u.
Kabajamoo Afyaa’ii !!
Kabajamtoota Miseensota Caffee !!
Gaaffii guddaan uummata biraa ka’aa jiru keessaa dhiyeessi bishaan dhugaatii isa ol’aanaa ta’uun isaa beekamaa dha. Xumura bara 2004 irratti uwwisa bishaan dhugaatii %59.5 irra jiru bara karoora 2005tti gara %69tti olguddisuuf kan hojjetamu yommuu ta’u, galma taa’e kana raawwachuufiis buufattoota bishanii gara 2,458 haroomsuudhaan yeroo ammaa buufattoota bishanii tajaajila hin kennine kan amma irra jiru %10.35 irraa gara %7tti gadi buusuun, qorannoo fi diizaayiinii pirojeektota bishaan dhugaatii 218 gaggeessuun fi ijaarsa pirojektoota bishaan dhugaatii 395 gaggeessuun kan raawwataman ta’u.
Gama biroon misooma jallisii saffinaan baal’isuuf qorannoofi diizaayinii pirojektoota jalisiiwwan xixiqqaa fi giddugaleessa 37fi ijaarsa pirojektoota misooma jallisii ammayyaa 40 gaggeessuun lafa hek.5,177 misoomsuun kan raawwatamu yommuu ta’u, gama misoomaa fi qabeenya Albuudaa fi Inarjiitiiniis tajaajilawwan garaa garaa kennaman bukkeetti haayyama albuudaa 2,165 kennuun fi teeknooloojii inarjii haaromfaman aduun nyaata bilcheessitu 1,500 akka rabsaman ni taasifama.
Industiriin damee dinagdee biroo caalaa guddatee madda galii naannoo akka ta’u, guddina misooma qonnaa keenyaaf akka gumaachuu fi carraa hojii bal’inaan akka uumuuf waggaa kana keessa hojii bal’aan kan hojjetamu yommuu ta’u, keesumaa misoomni IMX carraa hojii uumuu, guddina magaalotaa saffisiisuu fi misooma qonnaaf deeggarsa gochuun waltajjii abbootiin qabeenyaa haaraan itti uumaman ta’uun shoora olaanaa kan taphatan dha.
Haala kanaan bara karoora 2005 keessatti rakkina hojii dhabdumaafi hiyyummaa magaalootaafi baadiyyaa keessatti babal’ate jiru furuuf hojii dhabeeyyiin baadiyaa carraa hojii dhaabbii kuma 300 fi carraa hojii yeroo kuma 200 fi magaalaatti carraa hojii dhaabbii 228,031 fi carraa hojii yeroo 150,211; walumaagalaatti baadiyyaa fi magaalaatti hojii dhabdoota 878,242 carraan hojii dhaabbii fi yeroon gurmeessuun hojiitti akka galan fi carraa hojii pirojketoota mootummaatiin namoota 81,000 akka uumamu ni hojjetama. Akka waliiglaatti lammillee 959,242 ta’aniif carraan hojii ni umama. Aadaa qusannoo babal’isuun bara karoorichaatti qar. Bil.1.5 akka qusatamu ni hojjetama.
Tarsiimoo leenjii ogummaafi teekinikaa bahe haala guutuu ta’een hojii irra oolchuun hojii xiyyeeffannoon itti kennamuu dha. Haaluma kanaan bara 2005 keessa barattoota bara 2004 kutaa 10ffaa xumuran keessaa 80% simachuun kan leenjiifaman yoo ta’u, daandeetii leenjistootaa fi hoggansa DhBLTO ijaaruuf namoota 4,699f leenjiin kan kennamu ta’a. Akkasumas IMX hojii keessa jiraniifi haraa ijaaramaniif tajaajilli eksteenshinii industirii fi hojiin ce’uumsa teeknolojii ittifufinsaan cimee kan raawwatamu ta’a. Lakkoofsi dhBLTO mootummaa 122 irra turan gara 126 kan guddatu yoo ta’u, leenjistoota haaraa 1,420 hojiitti akka galan ni taasifama. Hojii pirojektoota BLTO bulan xumursiisuun tajaajila irra akka oolan kan taasifamu yoo ta’u, ijaarsi babaliinsa dhabilee BLTO kan gaggeefamu ta’a.
Hojii misooma magaalaa bara 2005 gaggeeffamu keessatti wiirtullee gandoota baadiyaa amala magaalumaa qabaan 56 gara magaalatti fiduu, magaala qaama seerummaa argatan 50 sadarkaa isaanii akka fooyya'u, magaalota 45 guddina sadarkaa akka argatan, manneen waliinii ijaaramanii harca’anii hafan kan piroojektii bara 1999 fi 2000 walumatti manneen 5,619 tajaajilamtoota harka akka gahan ykn sadarkaa irra gahanitti akka gurguraman, magaalota maaster pilaanii qaban 107 daangaa isaanii adda basuuun kaartaa bu’uraa qopheessuu, qabiyyee lafa magaalaa karaa guutuu ta’een bulchuu fi eeguumsa gochuu, pirojektoota ijaarsa gidduu-gala oomishaa fi gurgurtaa bara darbe jalqabaman 10 xumursiisuun fi haaraa 13 gaggeessuun kan raawwatamu ta'a.
Bara kana keessa sirna gabaa haamayyaa fi bu’aa qabeessa ta’e naannicha keesatti diriirsuun xiyeeffannoon itti kennamee kan raawwatamu ta’a. Haaluma kanaan bara 2005tti sirna odeeffannoo gabaa haammayyaa’a diriirsuuf wirtuulee odeeffannoo gabaa 11 haara hundeesuu fi wirtuulee sassaabbii odeeffannoo gabaa 27 turee gara wirtuulee 40tti ol-guddisuun odeeffannoo gabaa oomishaalee qonnaa fi horii walitti qabuu, xiinxaluu fi tamsaasuun kan raawwataman ta’u. Akkasumaas, oomishaalee qonnaa naannichaa murteessoo ta’an 7f gabaa gurguddoo alaa fi biyya keessatti itti fufiinsaan dorgomaa ta’uu akka danda’aniif haala mijaa’aan kan uumuu ta’a.
Kabajamtoota Miseensota Caffee !!
Guddina ariifachiisaa fiduuf shoorri daandiin qabu isa olaanaa waan ta’eef, bara 2005ttis dheerina daandii naannicha keessa ture km 19,056.5 irraa gara km 33,567.5tti akka guddatu gochuun hojii xiyeeffannoon addaa itti kennamee raawwatamu ta’a. Haaluma kanaan bara 2005tti qorannoo fi diizaayinii toora daandiilee 27 kan bulan fi 9 haaraa walumatti toora 36 irratti km 374 baajata kaappitaalaan gageeffamuu fi sagantaa waliin gahiinsa daandii baadiyaa (SWDB) tiin hojii qorannoo fi diizaayinii haaraa KM 10,374 fi kan bara 2004 irraa ce’e KM 1442 walitti KM 11,816 ni-gaggeeffama.
Sagantaa walga’insa daandii baadiyyaattiin daandiin km 14,137 kan gaggeeffamu yommuu ta’u, walumaagalatti ijaarsi daandii haaraa km 14,511 kan gaggeeffamu yommuu ta’u, toora daandii 167 dheerina km 5,042 irratti suphaan salphaa fi cimaan kan gaggeeffamu ta’a. Haaluma kanaan gobbinni daandii bal'ina lafaan kan bara kana irra gahame 52.5 irraa gara 92.08tti akka guddatuu fi gobbinni daandii baay’ina uummataan 0.61 irraa gara 1.07tti akka guddatu ni-taasifama.
Naannicha keessatti tajaajila barnoota bu’uuraa hawwaasa hunda waliin gahuu fi galma misooma barkumee gama barnootaan kaa’ame fiixaan baasuuf carraaqqiin jalqabamee jiru cimee akka itti fufuu ni godhama. Haaluma kanaan, bara 2005tti dhabbilee barnootaa sad.1ffaa fi 2ffaa bara 2004tti walduraaduubaan 11,728 fi 512 irra turan gara 12,105 fi 544tti guddisuu fi dhabbilee barnootaa qophaa'inaa kan bara 2004tti turan 201 irraa gara 248tti geessisuun, Kolleejjii leenjii barsiisotaa kan bara 2004tti ture 10 irraa gara 12tti guddisuuf karoorfameera. Simannaa barattootaa ilaalchisee daa’imman umuriin waggaa torbaa 847,431 fi umurii 7 oli dabalatee daa’imman mil.1.17 kutaa 1ffaatti kan simataman yoo ta’u, waliigala sad.1ffaa(1-8) barattoota mil.6.99 ol; sad.2ffaa barattoota kuma 899.6 fi qophaa’inatti 113,744 simachuuf karoorfameera.
Qulqullina barnootaa naannoo keenyaa foyyeessuuf paakeejii mirkaneeffannaa qulqullina barnootaa guutummaa guutuutti hojiira olchuuf tarsiimoo muuxannoo gaarii babal’isuu manneen barnootaa hunda keessatti akka hojiira oolu ni taasifama. Haaluma kanaan sad.1ffaa(1-8) tti hira barataafi barsiisaa kan amma jiru 57:1 irraa gara 50:1tti gadi buusuuf, hira barataa fi daree 57:1 irraa gara 50:1tti fiduun fi hira barataa fi daree sad.2ffaa(9-10)gara 40:1tti fiduu fi hira barataa fi daree barnoota qophaa’inaa(11-12) gara 42:1tti fiduuf karoorfameera. Gahumsa barnootaa fooyyessuun bara 2005tti barattoota madaallii ga’uumsa kutaa 8ffaa darban %88.95 irraa %90.59n gahuu, barattoota qormaata biyyoolessaa10ffaaqabxii 2.0fi isaa ol fidan %60.35 irraa %62n gahuuf, barattoota qormaata biyyoolessaa12ffaayuunivarsitiif darban%73.98irraa gara %83.7tti guddisuuf karoorfameera. Akka waliigalaatti sektara barnootaa keessatti rayyaa barnootaa fi tarsiimoo muuxannoo gaarii babal’isuu fayyadamuun galma misooma jaarraa gama barnootaan jiru milkeessuuf hirmaannan qaama hundaa fi kabajamoo miseensoota caffee murteessaa ta’a.
Eegumsa fayyaa ilaalchisee, hawwasa fayyaa qabeessa horachuun galma gahiinsa karoora guddinaa fi traansiformeeshiniif akka gumaachu taasisuuf paakeejii ekisteenshinii fayyaa hojiirra oolchuun dhibeewwan daddarboo harka 80 ol ta’an ittisuun yeroo kamiyyuu caalaa bara kana xiyyeeffannan kan hojjetamu ta’a. Bara 2005tti gama uwwisa, wal-gitiinsa, qulqullina bu’uura misoomaa fi tajaajiloota fayyaa guddisuutiin hojiiwwan baroottan darban keessa hojjatamaa turan cimanii akka itti fufan kan taasifamu ta’a.
Haaluma kanaan uwwisa tajaajila fayyaa bu'uuraa kan bara 2004tti irra ture %90 irraa gara %92tti akka guddatu, baay’ina keellaa fayyaa kan bara 2004 irra gahe 6,428 irraa gara 6,521tti akka guddatu, baay'ina buufataalee fayyaa kan bara 2004 irra ture 1,103 irraa gara 1,210tti akka guddatan ni-taasifama. Karaa gama birootiin uuwwisa tajaajila karoora maatii %63 irraa gara %80tti akka guddatu, tajaajila da'umsaa ogeessota fayyaatiin dhaabbilee fayyaa keessatti kennamuu kan 2004tti irra ture %34 irraa gara %48tti akka guddatu, baay'ina dhaabbilee fayyaa tajaajila gorsaa fi qorannoo dhiigaa fedhii irratti hundaa'ee kennan 884 irraa gara 1,200tti akka guddattan ni-taasifama.
Kabajamoo Afyaa’ii !!
Kabajamtoota Miseensota Caffee !!
Galama gahinsa karoorri guddinaafi tiraansifoormeeshinii keessatti hirmaannaan dargaggootaa fi dubartootaa gahee guddaa akka qabu ni beekama. Kanaafis, rakkoo dargaggootaafi dubartootaa gama hundaan hiikuuf gahumsa isanii foyyessuuf xiyyeffannaan kennameefi kan hojjetamu ta’a.
Gama misooma dubartootaafi daa'immaniin bara 2005 keessaa dubartoota kuma 261.18 hojiiwwan madda galii argamsiisan irratti hirmaachisuun, dubartoota kuma 10f leenjii oggummaa kennuun, dubartootni mil. 2 ol ta’aniif barnoota bu’uuraa gochaa irratti xiyyeeffate akka baratan taasisuu, dubartoota mil.4 ta’an raayyaa dubartootaatn ijaaruun humni raawwachiisummaa isaanii akka cimu kan taasiifamu yoo ta’u, daa’imman maatii hin qabneefi rakkinaaf saaxilaman 1,500 guddifachaa biyya keessaa akka argatan irratti xiyyeeffatamee kan hojjetamu ta’a.
Paakeejii guddina dargaggootaa hojii irra oolchuun rakkoolee gama hawaas-dinagdeefi bulchiinsa gaarii hiikun guddina argamu irraa dargaggoota fayyadamtoota taasisuuf xiyyeeffannan kan hojjetamu ta’a. Haaluma kanaan bara 2005 keessatti darggaggoota 14,229 fi jarmiyaalee dargaggootaa 2,346 ta’aniif leenjii kennuun ga’umsa raawwachuufi raawwachiisummaa isaanii cimsuun, dargaggoota mil.5 ta’aniif imaammataafi tarsiimoo mootummaa irratti hubannoo gahaa akka argatan kan taasifamuu fi dargaggootni mil 4.5 ta’an sochii hojii yeroo gannaa fi bonaa keessatti hirmaachisuun misooma naannoo isaanii keessatti ga’ee isaanii akka taphatanfi ispoortii bu’uura hawaasaa gochuun ciminaan kan hojjetamu ta’a.
Hambaalee aadaa fi seenaa ummata Oromoo irratti qorannowwan jalqabaman itti fufiisuun tajaajila hawaasaatiif akka oolan taasisuu cinaatti qabeenya uumamaa fi iddowwan hawwata turiizimii kunuunsuu fi beeksisuun industiriin sektarichaa babal’atee yaa’insi tursitootaa akka dabalu gochuun guddina hawaas-dinagdee naannichaaf akka gumaachu kan hojjetamu ta’a.
Riifoormiifi bulchiinsa gaarii hojiirra olchuudhaan guddina dinagdeefi hawwaasummaa dhugoomsuuf dandeettiin raawwachiisummaa sadarkaa hundatti sagantaa foyya’iinsa siviil sarviisii fi paakeejjii bulchiinsa gaarii walitti qindeessuun kenniinsa tajaajiilaa si’oomina fi bu’aa qabeessummaa isaa mirkaneesuuf JBAH fi SMBKT teeknoolojii ammayyaan deeggaramuun manneen hojii mootummaa hunda keessatti hojiirra olchuuf xiyyeeffannaa ol’aanaan itti kennamee gara hojii qabatamaatti akka galamu ni taasifama.
Kana galmaan gahuufis, kabajamtootni miseensota caffee kanaafi haawasni keenya bal’aan hojiirra olmaa sirna kanaaf deeggarsa guddaa akka taasisu waamicha koon dabarsuu barbaada.
Gama sochii haqaattin kenniinsi tajaajila seeraa akka fooyya’uuf dandeettii qaamolee haqaa cimsuu irratti xiyyeeffatamee kan hojjetamu yoo ta’u, tajaajilli haqaa ummataaf kennamu saffinaafi qulqulina akka qabaatufi ol’aantummaan seeraa akka kabajamu ciminaan kan hojjatamu ta’a. Muuxannoowwan gaggaariin murtii saffisaa kennuu irratti argaman qindeessuun babal’isuun tajaajilli sirna haqaa akka foyya’u irratti xiyyeeffatame kan hojjatamu ta’a.
Nageenya naannoo keenyaa caalmaatti amansiisaa taasisuuf caasaan nageenyaa ummata wajjiin qindoominaan kan hojjetu ta’ee, amantaa dawoo godhachuun ummata jidduutti walitti bu’iinsa uumuun jaalalaa fi aadaa gaarii wal-danda’iinsa hawaasni keenya qabu addaan kutuuf sochii qaamoleen tokko tokko taasisaa jiran guutummaa guutuutti maqsuuf ciminaan kan hojjetamu ta’a. Kunis hirmaannaa fi tumsa qaama hunda waan gaafatuuf, hawaasni keeyna bal’aan qaamolee nageenyaa wajjiin qindoominaan nageenya naannoo isaa akka eeggatu carraa kanaatti fayyadamuun waamicha koo dabarsuun barbaada.
Kabajamoo Afyaa’ii !!
Kabajamtoota Miseensota Caffee !!
Galii idilee naannoo keenyaa guddisuuf madda galii hunda irraa duguuganii walitti qabuuf hojiin hojjetamaa ture haala fooyya’aa fi qindoomina qabuun kan itti fufu ta’a. Riifoormii galii hojii irra oolaa ture idileessuu, qabannaa ragaa kaffaltoota gibiraa ammayyeessuu fi dandeettii raawwii hojjetoota galii cimsuun ciminaan kan irratti hojjetamu ta’a. Haaluma kanaan bara baajataa 2005tti galii idilee qar. bil 4.8; galii keessaa qar.Mil.459 fi kan mana qopheessaa qar. bil.1.2 waliigala qar bil.6.459 walitti qabuuf karoorfameera. Kunis galii keessaa manneen hojii oso hin dabaliin kan bara 2004 sassaabame irraa %35.4n calmaa kan agarsiisuu taá.
Raawwii hojiiwwan bara kanaaf baajatni qar. Bil. 23.029 akka barbaachisu kan tilmaamame yoo ta’u, kan bara 2004 irraa %25n caalmaa kan qabu dha. Walumaagala hojiileen bara 2005f karoorfaman kun hirmaannaa ummata bal’aafi hunda keenyaa kan barbaadan waan ta’eef deeggarsi kabajamoo miseensoota caffee kanaa caalamaan murteessaa ta’a. Karoora hojii misoomaafi bulchinsa gaarii bara 2005 qaama karoora guddinaafi tiraansifoormeeshinii ta’e irratti hundi keenyu kutannoo fi qindoominaan haa hojjennu jechaa kallattii fi maniiwwan karoora hojiiwwan gurguddoo bara baajataa 2005 asumaratti xumuraa kabajamoon miseensootni caffee karoora kana akka mirkaneessu kabajaan gaaffadha.
LANGUAGES


