Magaalaa baatuutti hoospitaalli fayyaa damee Baatuu birrii Miiliyoona 25 oliin ijaaramaa ture xumuramee tajaajilaaf qophaa'usaa waajjirri Eegumsa fayyaa magaalichaa beeksise.
Saturday, 18 August 2012 06:34
thomas
[Finfinnee, Oromiyaa - 12, 12 ,04] Magaalaa baatuutti hoospitaalli fayyaa damee Baatuu birrii Miiliyoona 25 oliin ijaaramaa ture xumuramee tajaajilaaf qophaa'usaa waajjirri Eegumsa fayyaa magaalichaa beeksise. Hoospitaalli kun baajata mootummaan naannoo Oromiyaa ramadeen sadarkaa dameetti kan ijaarame Gammoowwan 18 kan qabu, mana cisicha dhukkubsattoota, Kutaa qorannoo, Daa'umsaa, kutaa yaala hadhoolee fi daa'immaanii, kutaa tajaajila baqaqsanii waldhaanuu, laabooratoorii fi kutaalee biroo kan of keessaa qabudha jedhame. Ijaarsa Hoospitaala kana keessatti manni jireenya ammaayyawaan ogeeyyii fayyaas ijaaramuu itti gaafatamaan waajjirichaa obbo Darajjee Odaa dubbatan. Hoospitaalli kun ji'a tokkon booda tajaajila kennuu yemmuu eegalu namoota deddeebi'anii yaalaman 500 guyyaatti akka keessumeessu danda'u himan. Milkaa'ina KGT keessatti seektarri kun hojii gama fayyaattin hojetamaa jiru keessatti Hoospitaalli kun isa tokko ta'u dubbatan. Waliin ga'insa tajaajila fayyaa magaalaa Baatuu gara harka dhibbaatti akka ol guddisuu danda'us himan.